Verse 1 — Surah An-Nas 114:1
Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha
Verse 2 — Surah An-Nas 114:2
Mootii namaatti
Verse 3 — Surah An-Nas 114:3
Gabbaramaa namaatti
Verse 4 — Surah An-Nas 114:4
Hamtuu waswaasii dhokatuufi mul’atuu irraa
Verse 5 — Surah An-Nas 114:5
Isa qoma namaa keessa waswaasu irraa
Verse 6 — Surah An-Nas 114:6
Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).”