Back to Languages

Oromo - Chapter 13 - Ar-Rad

Translation by Ghali Apapur Apaghuna — Permalink

Verse 1 — Surah Ar-Rad 13:1

Alif Laam Miim RaaKun keeyyattoota kitaabaatiInni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadhaGaruu irra hedduun namaa hin amananu

Verse 2 — Surah Ar-Rad 13:2

Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isinuu ishee ni agartusana booda Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’eAduufi baatiis ni laaffiseHundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’uWantoota hunda gara gaggalchaAkka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha mallattoolee addaan baasa

Verse 3 — Surah Ar-Rad 13:3

Inni Isa dachiis diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedhaFuduraalee hunda irraas gosoota lama ishee keessatti godheeraHalkan guyyaa haguugsisaDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira

Verse 4 — Surah Ar-Rad 13:4

Dachii keessas kutaalee walitti ollooman, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu jiraDhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerraDhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira

Verse 5 — Surah Ar-Rad 13:5

Yoo kan raajeffattu taateef jecha isaanii kan “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?” (jedhutu) raajiidhaIsaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidhaIsaan sun sakaallaan morma isaanii keessa jiraIsaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha

Verse 6 — Surah Ar-Rad 13:6

Odoo isaan dura adabbiin hedduun dabree jiruu, hamtuudhaan toltuu dura si ariifachiifatuDhugumatti, Gooftaan kee namaaf miidhaa hojjachuu isaaniitii wajjiin abbaa araaraatiGooftaan kee abbaa adabbii cimaati

Verse 7 — Surah Ar-Rad 13:7

Isaannan kafaranis “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?” jedhuAti dinniinuma qofaUmmata hundaaf qajeelchaan jira

Verse 8 — Surah Ar-Rad 13:8

Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’iftuufi waan dabaltus ni beekaWanti hundinuu Isa biratti hanga murtaa’aadhaani

Verse 9 — Surah Ar-Rad 13:9

(Rabbiin) Beekaa waan fagoofi dhihoo, guddaa, ol ta’aadha

Verse 10 — Surah Ar-Rad 13:10

Isin irraa namni jechaan (sagalee) gadi qabeefi ol fuudhes, ammas namni halkan dhokateefi guyyaa ifatti ba’es waluma qixa

Verse 11 — Surah Ar-Rad 13:11

Isaaf (tokko tokkoo namaatiif) maleeykota wal tareeffatoo ta’an fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiruDhugumatti, Rabbiin waan ummata bira jiru hanga isaan waan isaan bira jiru jijjiiranitti isaan irraa hin jijjiiruYeroo Rabbiin namoota wahiitti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniifiis Isaa gaditti gargaaran hin jiru

Verse 12 — Surah Ar-Rad 13:12

Inni Isa kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii hangaasuu isin agarsiisuudhaDuumessa ulfaataas ni uuma

Verse 13 — Surah Ar-Rad 13:13

Mandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessaMaleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu)Bakakkaas ergee, haala isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falmanuun, isheedhaan nama fedhe rukutaInni humni isaa cimaadha

Verse 14 — Surah Ar-Rad 13:14

Waamichi dhugaa kan IsaatiWarri isaan Isa (Rabbii) gaditti waammatan, Akka (owwaannaa) nama inni afaan isaatti haa ga’uuf haala Inni isatti hin geenyeen ganaa isaa lamaan gara bishaanii hiixatuu (diriirsuu) malee isaaniif hin awwaatanKadhaan kaafirootaa hoongoo keessa malee hin taane

Verse 15 — Surah Ar-Rad 13:15

Namoonni samiifi dachii keessa jiran kan jaalataniifi kan jibban ta’anii, Gaaddidduuwwan isaaniis ganamaafi galgala Rabbiif sujuuda godhu

Verse 16 — Surah Ar-Rad 13:16

“Gooftaan samiifi dachii eenyu?” jedhiin“Allaahdha” Jedhi“Sila Isaa gaditti jaalallee lubbuu isaaniitiif bu’aas ta’ee miidhaa hin argamsiifne taasifattanii?” jedhiin“Sila jaamaafi namni argu wal qixa ta’uu? dukkanaafi ifnis wal qixa ta’aa? jedhiinSila isaan Rabbiif shariikowwan uumama akka Isaa uumanii uumamni isaan irratti wal fakkaate godhanii? “Rabbiin uumaa waan hundaati; Inni tokkicha injifataadha” jedhi

Verse 17 — Surah Ar-Rad 13:17

Samii irraa bishaan (rooba) buusee laggeen hanga isheetiin ni yaate; lolaanis hoomacha ol fuudhamaa baadhate; waan isaan faayaafi meeshaa barbaaduuf jecha ibidda irratti qabsiisan irraas hoomacha (xurii) akkasiitu jiraAkka kanatti Rabbiin dhugaafi soba fakkeenya godha; hoomachi goggogaa ta’ee deemaWanti nama fayyadu immoo dachii keessa taa’aAkka kanatti Rabbiin fakkeenya godha

Verse 18 — Surah Ar-Rad 13:18

Isaan Gooftaa isaaniitii awwaataniif jannatatu jiraIsaan Isaaf hin awwaatin immoo, odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaataan isaas (isaaniif argamee) silaa isaan of bituWarri sun isaaniif qormaata hamaatu jiraTeessoon isaaniis jahannami(Inni) afata ta’uun waa fokkataa dha

Verse 19 — Surah Ar-Rad 13:19

Sila namni wanti Gooftaa kee irraa gara keetti bu’e dhugaa ta’uu isaa beeku akka nama jaamaatii? warra sammuu qabu qofatu gorfama

Verse 20 — Surah Ar-Rad 13:20

(Isaan) warra waadaa Rabbii guutaniifi waadichas hin diigneedha

Verse 21 — Surah Ar-Rad 13:21

Ammas warra waan Rabbiin akka inni fufamu ajaje fufanii Gooftaa isaaniis sodaataniifi hamaa qormaataa sodaataniidha

Verse 22 — Surah Ar-Rad 13:22

Ammas isaan fuula Gooftaa isaanii barbaacha obsan, kan salaatas dhaabanii, waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaniifi mul’isanii arjooman, kan waan gadhee waan gaariin deebisaniidhaWarri sun gandi boodaa isaaniif ta’aadha

Verse 23 — Surah Ar-Rad 13:23

(Isheen) Jannata qubsumaa kan isaan ishee seenanuudha; Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaanii irraas namni gaarii hojjate (ishee seena)Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu

Verse 24 — Surah Ar-Rad 13:24

“Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu)

Verse 25 — Surah Ar-Rad 13:25

Isaan waadaa Rabbii erga jabaachuu isaatii booda diiganiifi waan Rabbiin akka fufamu ajaje kutan, kan dachii keessatti badii raawwatan warri sun abaarsi isaaniif jira; isaaniif ganda hamaa ta’e (jahannamtu) jira

Verse 26 — Surah Ar-Rad 13:26

Rabbiin nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhe) itti dhiphisaIsaan jireenya addunyaa kanaatti gammadaniJireenyi addunyaa jireenya Aakhiraa biratti qananii yeroo gabaabaa malee hin taane

Verse 27 — Surah Ar-Rad 13:27

Isaan kafaranis “Sila maaliif Gooftaa isaa biraa mallattoon wahii itti hin bu’in?” jedhu“Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa; nama deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha” jedhi

Verse 28 — Surah Ar-Rad 13:28

(Isaan) warra amananii, onneen isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabbooftuudhaDhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin onneen ni tasgabboofti

Verse 29 — Surah Ar-Rad 13:29

Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif jiruu gaariifi deebii miidhagaa ta’etu jira

Verse 30 — Surah Ar-Rad 13:30

Akka kanatti gara ummata ishee dura ummatoonni biraa dabrite keessatti odoma isaan ‘Rahmaanitti’ kafaranuu akka isa gara keetti buufne isaan irratti dubbiftuuf si ergine(Yaa Muhammad!) “Inni Gooftaa kiyya, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruIsa irratti hirkadheeraGaruma Isaattiin tawbaas deebi’a” jedhi

Verse 31 — Surah Ar-Rad 13:31

Odoo Qur’aanni gaarreen (iddoo isaanii irraa) ittiin deemanii yookiin dachiin isaan ciccittee yookiin du’aan isaan dubbifameeyyuu (hin amananu)Amriin hunduu RabbumaafiSila isaan amanan akka Rabbiin odoo fedhee namoota hunda qajeelchu hin beekanuu? Isaan kafaran waan isaan dalaganiin qalbi dhooftuun isaan tuqxu ta’uu irraa yookiin hanga waadaan Rabbii dhufutti manneen isaaniitti dhihoo qubachuu irraa hin deemtuDhugumatti, Rabbiin waadaa hin diigu

Verse 32 — Surah Ar-Rad 13:32

Ergamoota si duraattis qishnaan itti godhameera; isaan kafaraniif beellama godheen sana booda isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e ree

Verse 33 — Surah Ar-Rad 13:33

Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?) Isaan Rabbiifis hiriyoota (shariika) taasisan“Isaan maqaa dhahaa” jedhiSila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)?” Dhugumatti isaan kafaraniif tooftaan isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraas deebifamaniiruNama Rabbiin isa jallises qajeelchaan isaaf hin jiru

Verse 34 — Surah Ar-Rad 13:34

Isaaniif jireenya addunyaa keessatti adabbiitu jiraadabbiin Aakhiraa immoo akkaan jabaadhaAmmas isaaniif (adabbii) Rabbii irraa ittisaan hin jiru

Verse 35 — Surah Ar-Rad 13:35

Fakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma)Kun booddee warra Rabbiin sodaataniitiBooddeen kaafirootaa immoo ibidda

Verse 36 — Surah Ar-Rad 13:36

Warri nuti kitaaba isaaniif kennine, waan gara keetti buufametti ni gammaduAhzaaba irraas nama garii isaa mormutu jira“Kan ani ajajames Rabbiin qofa gabbaruufi Isatti homaa qindeessuu dhabuudha” jedhiGara Isaa qofattin waama; deebiin kiyyas gara Isaati

Verse 37 — Surah Ar-Rad 13:37

Akka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufneAtis, erga beekumsa irraa wanti siif kenname sitti dhufee booda, odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee, silaa (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru

Verse 38 — Surah Ar-Rad 13:38

Dhugumatti, Nuti si duras ergamtoota erginee jirraNiitiiwwaniifi ilmaan isaaniif taasifnee jirraErgamaan tokkos yoo hayyama Rabbiitin ta’e malee mallattoo (raajii) tokkos fiduu hin danda’ubeellama hundaafuu galmeetu jira

Verse 39 — Surah Ar-Rad 13:39

Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessaIsa biras haadha kitaabaa (Lawhal Mahfuuztu) jira

Verse 40 — Surah Ar-Rad 13:40

Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte)Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru)Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira

Verse 41 — Surah Ar-Rad 13:41

Sila akka Nuti dachii daangaa ishee irraa hir’isaa dhufnu hin ilaalanii? Rabbiin ni murteessa; murtii isaas wanti duubatti deebisu hin jiruInni qormaanni isaa saffisaadha

Verse 42 — Surah Ar-Rad 13:42

Dhugumatti, warri isaaniin duraas mala baasanii jiruMalli hundi kan RabbiitiWaan lubbuun hundi hojjattu ni beekaKaafiroonnis dhumti gaariin eenyuuf akka ta’e beekuuf jiru

Verse 43 — Surah Ar-Rad 13:43

Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi