Back to LanguagesPrevious ChapterNext Chapter
Oromo - Chapter 15 - Al-Hijr
Translation by Ghali Apapur Apaghuna — Permalink
Verse 1 — Surah Al-Hijr 15:1
Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
Verse 2 — Surah Al-Hijr 15:2
Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu
Verse 3 — Surah Al-Hijr 15:3
Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku
Verse 4 — Surah Al-Hijr 15:4
Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine
Verse 5 — Surah Al-Hijr 15:5
Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu
Verse 6 — Surah Al-Hijr 15:6
“Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan
Verse 7 — Surah Al-Hijr 15:7
Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan)
Verse 8 — Surah Al-Hijr 15:8
Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane
Verse 9 — Surah Al-Hijr 15:9
Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha
Verse 10 — Surah Al-Hijr 15:10
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra
Verse 11 — Surah Al-Hijr 15:11
Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne
Verse 12 — Surah Al-Hijr 15:12
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna
Verse 13 — Surah Al-Hijr 15:13
Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
Verse 14 — Surah Al-Hijr 15:14
Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii
Verse 15 — Surah Al-Hijr 15:15
Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu
Verse 16 — Surah Al-Hijr 15:16
Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra
Verse 17 — Surah Al-Hijr 15:17
Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine
Verse 18 — Surah Al-Hijr 15:18
Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa ta'e isa hordofe malee
Verse 19 — Surah Al-Hijr 15:19
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra
Verse 20 — Surah Al-Hijr 15:20
Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone
Verse 21 — Surah Al-Hijr 15:21
Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu
Verse 22 — Surah Al-Hijr 15:22
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane
Verse 23 — Surah Al-Hijr 15:23
Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas
Verse 24 — Surah Al-Hijr 15:24
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra
Verse 25 — Surah Al-Hijr 15:25
Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha
Verse 26 — Surah Al-Hijr 15:26
Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne
Verse 27 — Surah Al-Hijr 15:27
Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne
Verse 28 — Surah Al-Hijr 15:28
Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha
Verse 29 — Surah Al-Hijr 15:29
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa
Verse 30 — Surah Al-Hijr 15:30
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an
Verse 31 — Surah Al-Hijr 15:31
Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide
Verse 32 — Surah Al-Hijr 15:32
(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee
Verse 33 — Surah Al-Hijr 15:33
[Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe
Verse 34 — Surah Al-Hijr 15:34
(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha
Verse 35 — Surah Al-Hijr 15:35
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”
Verse 36 — Surah Al-Hijr 15:36
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe
Verse 37 — Surah Al-Hijr 15:37
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe
Verse 38 — Surah Al-Hijr 15:38
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
Verse 39 — Surah Al-Hijr 15:39
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
Verse 40 — Surah Al-Hijr 15:40
Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee
Verse 41 — Surah Al-Hijr 15:41
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
Verse 42 — Surah Al-Hijr 15:42
Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru
Verse 43 — Surah Al-Hijr 15:43
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti
Verse 44 — Surah Al-Hijr 15:44
Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”
Verse 45 — Surah Al-Hijr 15:45
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru
Verse 46 — Surah Al-Hijr 15:46
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan)
Verse 47 — Surah Al-Hijr 15:47
Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne
Verse 48 — Surah Al-Hijr 15:48
Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu
Verse 49 — Surah Al-Hijr 15:49
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi
Verse 50 — Surah Al-Hijr 15:50
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi)
Verse 51 — Surah Al-Hijr 15:51
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
Verse 52 — Surah Al-Hijr 15:52
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
Verse 53 — Surah Al-Hijr 15:53
“Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan
Verse 54 — Surah Al-Hijr 15:54
“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen
Verse 55 — Surah Al-Hijr 15:55
“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin
Verse 56 — Surah Al-Hijr 15:56
“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe
Verse 57 — Surah Al-Hijr 15:57
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen
Verse 58 — Surah Al-Hijr 15:58
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan
Verse 59 — Surah Al-Hijr 15:59
“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
Verse 60 — Surah Al-Hijr 15:60
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
Verse 61 — Surah Al-Hijr 15:61
Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu
Verse 62 — Surah Al-Hijr 15:62
“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe
Verse 63 — Surah Al-Hijr 15:63
“Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan
Verse 64 — Surah Al-Hijr 15:64
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota
Verse 65 — Surah Al-Hijr 15:65
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”
Verse 66 — Surah Al-Hijr 15:66
“Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine
Verse 67 — Surah Al-Hijr 15:67
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan
Verse 68 — Surah Al-Hijr 15:68
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
Verse 69 — Surah Al-Hijr 15:69
“Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”
Verse 70 — Surah Al-Hijr 15:70
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan
Verse 71 — Surah Al-Hijr 15:71
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
Verse 72 — Surah Al-Hijr 15:72
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u
Verse 73 — Surah Al-Hijr 15:73
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
Verse 74 — Surah Al-Hijr 15:74
Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine
Verse 75 — Surah Al-Hijr 15:75
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira
Verse 76 — Surah Al-Hijr 15:76
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti
Verse 77 — Surah Al-Hijr 15:77
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti
Verse 78 — Surah Al-Hijr 15:78
Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an
Verse 79 — Surah Al-Hijr 15:79
Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru
Verse 80 — Surah Al-Hijr 15:80
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru
Verse 81 — Surah Al-Hijr 15:81
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an
Verse 82 — Surah Al-Hijr 15:82
Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru
Verse 83 — Surah Al-Hijr 15:83
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
Verse 84 — Surah Al-Hijr 15:84
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne
Verse 85 — Surah Al-Hijr 15:85
Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali
Verse 86 — Surah Al-Hijr 15:86
Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha
Verse 87 — Surah Al-Hijr 15:87
Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra
Verse 88 — Surah Al-Hijr 15:88
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi
Verse 89 — Surah Al-Hijr 15:89
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi
Verse 90 — Surah Al-Hijr 15:90
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne
Verse 91 — Surah Al-Hijr 15:91
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran)
Verse 92 — Surah Al-Hijr 15:92
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna
Verse 93 — Surah Al-Hijr 15:93
Waan isaan dalagaa turan irraa
Verse 94 — Surah Al-Hijr 15:94
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali
Verse 95 — Surah Al-Hijr 15:95
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra
Verse 96 — Surah Al-Hijr 15:96
(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku
Verse 97 — Surah Al-Hijr 15:97
Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna
Verse 98 — Surah Al-Hijr 15:98
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i
Verse 99 — Surah Al-Hijr 15:99
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari