Back to Languages

Oromo - Chapter 21 - Al-Anbiya

Translation by Ghali Apapur Apaghuna — Permalink

Verse 1 — Surah Al-Anbiya 21:1

Namootaaf, odoo isaan gara galanii daguu keessa jiranuu qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira

Verse 2 — Surah Al-Anbiya 21:2

Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee isaanitti hin dhufu

Verse 3 — Surah Al-Anbiya 21:3

Onneen isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu)Miidhaa hojjattoonnis iccitiin marii taasisanii “Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu)

Verse 4 — Surah Al-Anbiya 21:4

(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beekaInnis dhaga’aa, beekaadha

Verse 5 — Surah Al-Anbiya 21:5

Dhugumatti, isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadhaLakkii! Soba inni of irraa uumeeLakkii! Inni weellisaadha(Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu.”

Verse 6 — Surah Al-Anbiya 21:6

Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen hin amanne; sila isaan ni amanuu

Verse 7 — Surah Al-Anbiya 21:7

Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergineYoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadhaa

Verse 8 — Surah Al-Anbiya 21:8

Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) yeroo hunda jiraatanis hin taane

Verse 9 — Surah Al-Anbiya 21:9

Sana booda waadicha isaaniif dhugaa goonee isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine

Verse 10 — Surah Al-Anbiya 21:10

Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirraSila hin xiinxaltanuu

Verse 11 — Surah Al-Anbiya 21:11

(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne

Verse 12 — Surah Al-Anbiya 21:12

Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu

Verse 13 — Surah Al-Anbiya 21:13

Hin gulufinaa; akka gaafatamtaniif jecha gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa

Verse 14 — Surah Al-Anbiya 21:14

(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota turre

Verse 15 — Surah Al-Anbiya 21:15

Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti jechi (nuti miidhaa raawwattoota taane) jedhu watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne

Verse 16 — Surah Al-Anbiya 21:16

Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne

Verse 17 — Surah Al-Anbiya 21:17

Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane

Verse 18 — Surah Al-Anbiya 21:18

Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadhaIsiniifis waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira

Verse 19 — Surah Al-Anbiya 21:19

Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiIsaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis

Verse 20 — Surah Al-Anbiya 21:20

Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatanis

Verse 21 — Surah Al-Anbiya 21:21

Sila gabbaramtoota (gabbaran), kanneen (namoota) du’aa kaasan, dachii irraa godhatuu

Verse 22 — Surah Al-Anbiya 21:22

Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu tureRabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e

Verse 23 — Surah Al-Anbiya 21:23

Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu

Verse 24 — Surah Al-Anbiya 21:24

Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiinKun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniitiGaruu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanuKanaafuu (isa) irraa garagalu

Verse 25 — Surah Al-Anbiya 21:25

(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine

Verse 26 — Surah Al-Anbiya 21:26

Isaanis “Rahmaan ilma godhate” jedhuInni qulqullaa’eeraLakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha

Verse 27 — Surah Al-Anbiya 21:27

Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu

Verse 28 — Surah Al-Anbiya 21:28

Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beekaNama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanuIsaanis (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa na’u

Verse 29 — Surah Al-Anbiya 21:29

Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchinaAkkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina

Verse 30 — Surah Al-Anbiya 21:30

Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumneSila hin amananuu

Verse 31 — Surah Al-Anbiya 21:31

Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen lafa qabataa taasifneerraIshee keessattis daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra

Verse 32 — Surah Al-Anbiya 21:32

Samiis jaarmaya (kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirraGaruu isaan mallattoolee ishee irraa garagalu

Verse 33 — Surah Al-Anbiya 21:33

Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu)

Verse 34 — Surah Al-Anbiya 21:34

(Yaa Muhammad!) Si duras ilma namaatiif jireenya waaru (yeroo hundaa) hin taasifneSila yoo ati duute, isaan ni waaruu

Verse 35 — Surah Al-Anbiya 21:35

Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaIsin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorraGaruma keenyatti deebifamtu

Verse 36 — Surah Al-Anbiya 21:36

Isaan kafaran yeroo si argan odoo Rahmaaniin dubbachuutti kafaranii jiranuu “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu

Verse 37 — Surah Al-Anbiya 21:37

Namni hunduu jarjara irraa uumameAni mallattoolee kiyya isinittin agarsiisaa Ana hin jerjersiifatinaa

Verse 38 — Surah Al-Anbiya 21:38

“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom (raawwatama)?” jedhu

Verse 39 — Surah Al-Anbiya 21:39

Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuula isaanii irraafi dugda isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture)

Verse 40 — Surah Al-Anbiya 21:40

Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaaftiIshee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu

Verse 41 — Surah Al-Anbiya 21:41

Dhugumatti, si duras ergamtootatti qishnamee (baacamee) isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse

Verse 42 — Surah Al-Anbiya 21:42

Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha

Verse 43 — Surah Al-Anbiya 21:43

Moo isaan gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksan qabu? Lubbuu isaaniituu tumsuu hin danda’anuIsaanis Nu irraa tikfamuu hin danda’an

Verse 44 — Surah Al-Anbiya 21:44

Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifneSila Nuti dachii moggaa ishee irraa suuta suutaan hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa

Verse 45 — Surah Al-Anbiya 21:45

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaaniNamoonni gurri isaanii (haqa irraa) duude yeroo dinniinni isaaniif godhamu hin dhagayanu.”

Verse 46 — Surah Al-Anbiya 21:46

Rabbiin kakadhee! gosti adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! Dhugumatti nuti miidhaa raawwattoota taaneerra.”

Verse 47 — Surah Al-Anbiya 21:47

Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenyaLubbuun takkas homaa hin miidhamtuYoo waan ulfina hanga firii (ija) raafuu qabu ta’es Nuti ishee ni fidnaQormaataafis Nuti ga’oodha

Verse 48 — Surah Al-Anbiya 21:48

Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra

Verse 49 — Surah Al-Anbiya 21:49

(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha

Verse 50 — Surah Al-Anbiya 21:50

Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedhaSila isin isa mormituu

Verse 51 — Surah Al-Anbiya 21:51

Dhugumatti, Nuti kana duras qajeelfama Ibraahiimiif kenninee jirraNuti isa beekoo taanee jirra

Verse 52 — Surah Al-Anbiya 21:52

Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan kun maali?” jedhe (kennineef)

Verse 53 — Surah Al-Anbiya 21:53

[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”

Verse 54 — Surah Al-Anbiya 21:54

[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”

Verse 55 — Surah Al-Anbiya 21:55

[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”

Verse 56 — Surah Al-Anbiya 21:56

Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiifi dachii, kan isaan uume saniAnis kana irratti warra ragaa ba’an irraa tokko.”

Verse 57 — Surah Al-Anbiya 21:57

“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe)

Verse 58 — Surah Al-Anbiya 21:58

Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha guddaa isaaniif ta’e tokko qofa (dhiisee) caccabaa isaan godhe

Verse 59 — Surah Al-Anbiya 21:59

(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”

Verse 60 — Surah Al-Anbiya 21:60

“Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu tokko kan maqaa isaanii (hamtuun) dubbatu dhageenyeerra” jedhan

Verse 61 — Surah Al-Anbiya 21:61

Ni jedhan: “Akka isaan ragaa irratti bahaniif jecha ija namootaa dura fidaa.”

Verse 62 — Surah Al-Anbiya 21:62

“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan

Verse 63 — Surah Al-Anbiya 21:63

(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjateYoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe

Verse 64 — Surah Al-Anbiya 21:64

Gara lubbuu isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan

Verse 65 — Surah Al-Anbiya 21:65

Sana booda mataa isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan

Verse 66 — Surah Al-Anbiya 21:66

(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbiin ala waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu

Verse 67 — Surah Al-Anbiya 21:67

Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”

Verse 68 — Surah Al-Anbiya 21:68

Ni jedhan: “Yoo kan hojjattan taataniif isa gubaa; gabbaramtoota keessanis gargaaraa.”

Verse 69 — Surah Al-Anbiya 21:69

Nutis “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i" jenne

Verse 70 — Surah Al-Anbiya 21:70

Isaanis hamtuu itti yaadanNuti isaanuma irra hoonga’oo goone

Verse 71 — Surah Al-Anbiya 21:71

Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti bilisa baafne

Verse 72 — Surah Al-Anbiya 21:72

Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine)Hundaayyuu gaggaarii goone

Verse 73 — Surah Al-Anbiya 21:73

Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii gooneWarra Numa (qofa) gabbaran turan

Verse 74 — Surah Al-Anbiya 21:74

Luuxiinis murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra(Ummata) ganda badii fokkatoo ta’an hojjatan san irraas isa baraarsinee jirraDhugumatti, isaan ummata badoo, finciltoota turan

Verse 75 — Surah Al-Anbiya 21:75

Rahmata keenya keessas isa seensifneDhugumatti, inni warra gaggaarii irraayi

Verse 76 — Surah Al-Anbiya 21:76

Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]

Verse 77 — Surah Al-Anbiya 21:77

Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafneDhugumatti, isaan warra hamtuu turanKanaaf hunda isaanii bishaaniin dhidhimsine

Verse 78 — Surah Al-Anbiya 21:78

Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu]Nutis murtii isaanii ni beekna turre

Verse 79 — Surah Al-Anbiya 21:79

Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifneHundaafuu beekumsa murtii haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerraGaarreeniifi allaattiinis Daawuudii waliin akka Ana qulqulleessan laaffifneNutis hojjatoo taane

Verse 80 — Surah Al-Anbiya 21:80

Uffata sibiilaa kan yeroo wal loltan waraana irraa isin ittisan hojjachuus isa barsiifnee jirraSila isin (Nu) hin galatoomfattanuu

Verse 81 — Surah Al-Anbiya 21:81

Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra)Nutis waan hunda beekoo taaneerra

Verse 82 — Surah Al-Anbiya 21:82

Sheyxaanota irraas isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jiraNutis tiksoo isaanii taaneerra

Verse 83 — Surah Al-Anbiya 21:83

Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani dhugumatti, rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)

Verse 84 — Surah Al-Anbiya 21:84

Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furreRahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine

Verse 85 — Surah Al-Anbiya 21:85

Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi

Verse 86 — Surah Al-Anbiya 21:86

Rahmata keenya keessas isaan seensifneDhugumatti, isaan warra gaggaarii irraayi

Verse 87 — Surah Al-Anbiya 21:87

Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti hamtuu isa irratti dhiphisuu dhabuu yaadeDukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAti qulqulloofteDhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe

Verse 88 — Surah Al-Anbiya 21:88

Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsineAkka kanatti mu’uminoota nagaa baafna

Verse 89 — Surah Al-Anbiya 21:89

Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) ana hin dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe)

Verse 90 — Surah Al-Anbiya 21:90

Kanaafuu isaaf owwaannee Yahyaas isaaf kennineNiitii isaas (akka deessu) isaaf tolchineDhugumatti, isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'anii kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhataniifi Nu sodaatan ta'an

Verse 91 — Surah Al-Anbiya 21:91

Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne

Verse 92 — Surah Al-Anbiya 21:92

Dhugumatti, isheen kun amantii keessan amantii tokkittiidhaAnis Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa

Verse 93 — Surah Al-Anbiya 21:93

Amantii isaanii keessatti adda qoodamanHunduu gara keenya deebi’oodha

Verse 94 — Surah Al-Anbiya 21:94

Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiruNuti isaaf galmeessaadha

Verse 95 — Surah Al-Anbiya 21:95

Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an

Verse 96 — Surah Al-Anbiya 21:96

Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamee isaanis tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu)

Verse 97 — Surah Al-Anbiya 21:97

Waadaan dhugaas dhihaatee jiraYeroo san ijji warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha“Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre(Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota irraa taane" jedhu

Verse 98 — Surah Al-Anbiya 21:98

Dhugumatti, isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha

Verse 99 — Surah Al-Anbiya 21:99

Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan tureHundi isaaniis ishee keessatti waaru (hafu)

Verse 100 — Surah Al-Anbiya 21:100

Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; akkasumas isaan ishee keessatti hin dhaga’an

Verse 101 — Surah Al-Anbiya 21:101

Dhugumatti, warra Nu irraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha

Verse 102 — Surah Al-Anbiya 21:102

Sagalee ishee hin dhaga’anuIsaanis waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha

Verse 103 — Surah Al-Anbiya 21:103

(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisuMaleykonnis isaan qunnamuun “Kun guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha” (jedhuun)

Verse 104 — Surah Al-Anbiya 21:104

Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna(Kun) waadaa Nu irra jiruudhaDhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra

Verse 105 — Surah Al-Anbiya 21:105

Dhugumatti, Nuti erga ‘Lawhal Mahfuuz’ keessatti barreessinee booda kitaabota keessatti “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” barreessineerra

Verse 106 — Surah Al-Anbiya 21:106

Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu namoota (Rabbiin) gabbaraniif jira

Verse 107 — Surah Al-Anbiya 21:107

Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraatiif) si hin ergine

Verse 108 — Surah Al-Anbiya 21:108

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”

Verse 109 — Surah Al-Anbiya 21:109

Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksiseAni wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi

Verse 110 — Surah Al-Anbiya 21:110

Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beekaWaan isin dhoksitanis ni beeka

Verse 111 — Surah Al-Anbiya 21:111

Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku

Verse 112 — Surah Al-Anbiya 21:112

(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhiGooftaan keenyas Rahmaani, waan isin jettan irrattis gargaarsifatamaadha