Back to Languages

Oromo - Chapter 50 - Qaf

Translation by Ghali Apapur Apaghuna — Permalink

Verse 1 — Surah Qaf 50:1

QaafQur’aana guddaanin (kakadha)

Verse 2 — Surah Qaf 50:2

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan

Verse 3 — Surah Qaf 50:3

“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu)

Verse 4 — Surah Qaf 50:4

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirraGalmee tiksaatu nu bira jira

Verse 5 — Surah Qaf 50:5

Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru

Verse 6 — Surah Qaf 50:6

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee

Verse 7 — Surah Qaf 50:7

Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine

Verse 8 — Surah Qaf 50:8

Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone)

Verse 9 — Surah Qaf 50:9

Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine

Verse 10 — Surah Qaf 50:10

Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine)

Verse 11 — Surah Qaf 50:11

Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma

Verse 12 — Surah Qaf 50:12

Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri eelaa (biirii)fi Samuudis ni sobsiifte

Verse 13 — Surah Qaf 50:13

Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis

Verse 14 — Surah Qaf 50:14

Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e

Verse 15 — Surah Qaf 50:15

Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru

Verse 16 — Surah Qaf 50:16

Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha

Verse 17 — Surah Qaf 50:17

Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha)

Verse 18 — Surah Qaf 50:18

Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu

Verse 19 — Surah Qaf 50:19

Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti“Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan)

Verse 20 — Surah Qaf 50:20

Xurumbaa ni afuufama; sun guyyaa waadaati

Verse 21 — Surah Qaf 50:21

Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte

Verse 22 — Surah Qaf 50:22

“Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan)

Verse 23 — Surah Qaf 50:23

Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira jiruudha.”

Verse 24 — Surah Qaf 50:24

Isin lamaanuu akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa

Verse 25 — Surah Qaf 50:25

(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa)

Verse 26 — Surah Qaf 50:26

Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise adabbii cimaa keessa isa buusaa

Verse 27 — Surah Qaf 50:27

Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

Verse 28 — Surah Qaf 50:28

Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera

Verse 29 — Surah Qaf 50:29

Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Anis gabroota kiyya irratti miidhaa raawataa miti.”

Verse 30 — Surah Qaf 50:30

Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu)

Verse 31 — Surah Qaf 50:31

Jannannis namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin dhiheeffamte

Verse 32 — Surah Qaf 50:32

Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama)

Verse 33 — Surah Qaf 50:33

“Nama fagotti Rabbi sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi

Verse 34 — Surah Qaf 50:34

Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama)

Verse 35 — Surah Qaf 50:35

Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jiraNu bira daballis jira

Verse 36 — Surah Qaf 50:36

Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan

Verse 37 — Surah Qaf 50:37

Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira

Verse 38 — Surah Qaf 50:38

Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne

Verse 39 — Surah Qaf 50:39

Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati

Verse 40 — Surah Qaf 50:40

Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (sunnaalee sagadi)

Verse 41 — Surah Qaf 50:41

Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabus dhaggeeffadhu

Verse 42 — Surah Qaf 50:42

Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati

Verse 43 — Surah Qaf 50:43

Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya

Verse 44 — Surah Qaf 50:44

Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha

Verse 45 — Surah Qaf 50:45

Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi