Back to Languages

Oromo - Chapter 58 - Al-Mujadila

Translation by Ghali Apapur Apaghuna — Permalink

Verse 1 — Surah Al-Mujadila 58:1

Dhugumatti Rabbiin jecha ishee waa'ee abbaa manaa ishee keessatti siin wal –falmituufi gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu dhaga'eeraRabbiinis falmii keessan lamaan ni dhaga'aDhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha

Verse 2 — Surah Al-Mujadila 58:2

Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii mitiHaadholiin isaanii isaanuma isaan da'an sana qofaDhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataafi soba ta'e dubbatuDhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha

Verse 3 — Surah Al-Mujadila 58:3

Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhan keessa deebi'anus, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jiraKana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin tume)Rabbiinis waan isin hojjattan keessa beekaadha

Verse 4 — Surah Al-Mujadila 58:4

Namni hin argatinis, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jiraNamni (kanas) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qabaKun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifiAkkasumas, isheen kun daangaa RabbiitiKaafirootafis adabbii laaleessaa ta'etu jira

Verse 5 — Surah Al-Mujadila 58:5

Odoo Nuti dhugumaan ragaa ifaa buufnee jirruu warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiruKaafirootaafis adabbii xiqqeessaatu jira

Verse 6 — Surah Al-Mujadila 58:6

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu](Isaan) kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee galmeesseraRabbiinis waan hunda irratti ragaadha

Verse 7 — Surah Al-Mujadila 58:7

Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii ta'u malee, giddu namoota sanaa gadiis ta'ee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha

Verse 8 — Surah Al-Mujadila 58:8

Sila gara warra iccitii (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamanii deebi'anii, akkasumas badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti wal mari'atanuu hin ilaallee? Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatuLubbuu isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) "dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne?" jedhuJahannam isaaniif ga'aadha; ishee seenuDeebichi (isaanii) waa fokkate

Verse 9 — Surah Al-Mujadila 58:9

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaatii toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaaRabbii gara Isaatti oofamtanis sodaadhaa

Verse 10 — Surah Al-Mujadila 58:10

Dhugumatti, iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi(Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata)Eeyyama Rabbiitiin alas waan tokkollee isaan hin miidhuMu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan

Verse 11 — Surah Al-Mujadila 58:11

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumma keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaaYeroo ka'aa jedhames ka'aaRabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasaRabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha

Verse 12 — Surah Al-Mujadila 58:12

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa heddu dursaa (kennaa)Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadhaYoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo, dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha

Verse 13 — Surah Al-Mujadila 58:13

Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaa dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheeraSalaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaaRabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha

Verse 14 — Surah Al-Mujadila 58:14

Sila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; odoo beekanuu kijiba irratti kakatu

Verse 15 — Surah Al-Mujadila 58:15

Rabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jiraDhugumatti, isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate

Verse 16 — Surah Al-Mujadila 58:16

Kakuu isaanii gaachena taasifatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuKanaafuu, isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira

Verse 17 — Surah Al-Mujadila 58:17

Qabeenyi isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanuIsaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha

Verse 18 — Surah Al-Mujadila 58:18

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakataa turan Isaafis (Rabbiifis) kakatuWaan (haqa) wahii irra jiran of se'uDhagayaa! dhugumatti, isaanumatu sobdoota

Verse 19 — Surah Al-Mujadila 58:19

Sheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiiseeraIsaan garee sheyxaanatiDhaga'aa! Dhugumatti, gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha

Verse 20 — Surah Al-Mujadila 58:20

Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u

Verse 21 — Surah Al-Mujadila 58:21

Rabbiin "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni mo'anna" (jechuun) murteesseeraDhugumatti, Rabbiin Jabaa, Injifataadha

Verse 22 — Surah Al-Mujadila 58:22

Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta'anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala ta'aniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha