Back to Languages

    Oromo - Chapter 2

    Translation by Ghali Apapur Apaghuna

    Verse 1

    Alif, Laam, Miim

    Verse 2

    Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha;warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama

    Verse 3

    Isaan "Ghaybitti" (wantoota miiraan hin dhaqqabamnetti) amanan, kan salaata sirnaan salaataniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennaniidha

    Verse 4

    Ammas isaan warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amananiifi isaan Aakhiraa dhugoomsaniidha

    Verse 5

    Warri sun qajeelfama Rabbii isaanii biraa ta’e irra jiruAmmas warri sun isaantu milkaa’oodha

    Verse 6

    Dhugumatti, isaan kafaran isaan akeekkachiiftes isaan akeekkachiisuu dhiiftes [lamaanuu] isaan irratti wal qixa; hin amananu

    Verse 7

    Rabbiin onnee isaaniitiifi dhageettii isaanii irratti cufe; agartuu isaanii irras haguuggiitu jiraIsaaniif adabbii guddaatu jira

    Verse 8

    Namoota irraa nama odoo hin amanin "Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne" jedhutu jira

    Verse 9

    Rabbiifi warra amanan gowwoomsan [isaanitti fakkaata]; hin beekan malee lubbuu isaanii malee homaa hin gowwoomsanu

    Verse 10

    Onnee isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jiraRabbiinis dhukkuba isaaniif dabaleWaan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira

    Verse 11

    Yeroo "Dachii keessatti badii hin raawwatinaa" isaaniin jedhames "nuti warra tolchu qofa" jedhu

    Verse 12

    Dhagayaa! Dhugumatti isaan isaanumatu warra badiitiGaruu [haala gadhee isaanii kana] hin beekanu

    Verse 13

    Yeroo "akka namoonni amananitti amanaa" isaaniin jedhames, "sila nuti akka warri gowwaan amananitti amannaa?" jedhuDhagayaa! dhugumatti isaan isaanumatu gowwootaGaruu isaan hin beekan

    Verse 14

    Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhuYeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo "dhugumatti nuti isin waliin jirra; nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf [akkas goone]" jedhu

    Verse 15

    Rabbiin [mindaa qishnaa isaaniitiif] isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti odoo isaan dhama’anuu isaan dhiisa

    Verse 16

    Isaan warra jallina qajeelumaan bitataniidhaDaldalli isaaniis bu’aa dhabeIsaanis warra qajeelan hin turre

    Verse 17

    Fakkeenyi isaanii akka fakkii isa ibidda qabsiifatee, yeroma isheen waan naannoo isaa ibsitu Rabbiin ifaa isaanii adeemsisee dukkana keessatti haala hin argineen isaan dhiiseeti

    Verse 18

    [Isaan] duudaa, arraba qabamaafi jaamaadhaKanaafuu [gara karaa qajeelaa] hin deebi’anu

    Verse 19

    Yookiin akka bokkaa cimaa samii irraa ta’ee kan isa keessa dukkanni, kakawwee (mandiisuu)fi calanqeen (hangaasuun) jiru, du’a bakakkaa irraa ta’e sodaaf quba gurra isaanii keessa kaa’atuRabbiinis kaafirootatti marsaadha

    Verse 20

    Calanqichi ija isaanii butuutti dhiyaataDhawaata isaaniif ifuun isa keessa deemuYeroo isaan irratti dukkanaa’e immoo ni dhaabatuRabbiin odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa tureDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

    Verse 21

    Yaa namootaa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa

    Verse 22

    [Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaKanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa

    Verse 23

    Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessa taataniif, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa [tokko] fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa

    Verse 24

    Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa

    Verse 25

    Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, jannatoonni laggeen jala ishee yaatu isaaniif jira jechuun [isaan] gammachiisiDhawaatuma firii ishee irraa sooramaniin "kun soorata kana dura sooramneedha" jedhuWal fakkaataa ta'ee isaaniif kennameIsaaniif ishee keessa haadholeen manaa qulqulleeffamanis ni jiruIsaanis ishee keessatti hafoodha

    Verse 26

    Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatuWarri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e ni beekuIsaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu[Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisee (namoota) baay’ees qajeelchaFinciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu

    Verse 27

    [Isaan] warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin fufamuu isaatti ajaje kutanii, dachii keessatti badii raawwataniidhaWarri sun hoonga’oon isaanuma

    Verse 28

    Sila odoo Inni haala isin du’aa turtaniin isin jiraachisee ergasii isin ajjeesee ergasii isin jiraachisuun ergasii gara Isaatti kan deebifamtanu taatanii jirtanuu akkamitti Rabbitti kafartu

    Verse 29

    Inni (Rabbiin) Isa waan dachii keessa jiru hunda isiniif uumee ergasii gara samii ol ta’ee samii torba isaan taasiseedhaInni waan hunda akkaan beekaadha

    Verse 30

    Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "dhugumatti, Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhes [yaadadhu]Isaanis ni jedhan: "Sila odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu namoota ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti taasiftaa?" [Innis] ni jedhe: "Dhugumatti, Ani akkaan beekaa waan isin hin beekneti

    Verse 31

    Aadamiinis maqoota [waan] hundaa isa barsiiseErgasii malaa’ikoota irra isaan fideetiin "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif maqoota wantoota kanneenii naaf odeessaa” jedhe

    Verse 32

    [Malaa’ikoonnis] ni jedhan: "Ati qulqulloofteNu waan Ati nu barsiifte malee beekumsa hin qabnu; dhugumatti, Ati Simatu akkaan beekaa ogeessa

    Verse 33

    [Rabbiin] ni jedhe: "Yaa Aadam! maqoota isaanii isaanitti himi." Yeroma inni maqoota isaanii isaanitti himu [Rabbiin] ni jedhe: "Sila Ani akkaan beekaa wantoota fagoo kan samiifi dachiiti; ammas Ani akkaan beekaa waan isin ifa taasiftaniifi waan isin dhoksaa turtaniiti’ isiniin hin jennee

    Verse 34

    Yeroo Nuti malaa’ikootaan "Aadamiif sujuuda[] godhaa" jennes [yaadadhu]Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan; [Inni] ni dide; ni boonesKaafiroota irraayis ta’e

    Verse 35

    Ni jennes: "Yaa Aadam! Atiifi haati manaa kee jannata keessa jiraadhaaIshee irraa bal'oo haala taateen iddoo feetanii nyaadhaaMukattii kanatti immoo hin dhiyaatinaaYoos miidhaa hojjattoota irraa taatu

    Verse 36

    Shayxaannis ishee (jannata) irraa isaan mucucaachiseWaan isaan isa keessa turan irraas isaan baaseNutis ni jenne: "gariin keessan gariif diina ta’aa gadi bu’aaIsiniifis dachii keessa iddoo jireenyaatiifi waan itti fayyadamtan kan yeroo murtaa’eetu jira

    Verse 37

    Aadamis Gooftaa isaa irraa jechoota[] fudhatee sana booda [Rabbiin] dhiifama isaaf godheDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha

    Verse 38

    Nuti ni jenne: "Hundi keessanuu ishee (jannata) irraa gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isiniif dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus

    Verse 39

    Warri kafaranii keeyyattoota keenyas kijibsiisan, isaan sun warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha

    Verse 40

    Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani ittiin isin qanansiise yaadadhaaWaadaa kiyyas[] guutaa; Anis waadaa keessan nan guutaAna qofa sodaadhaas

    Verse 41

    Waan Ani buuse kan mirkaneessaa waan isin bira jiruu (Tawraatiifi Injiil) ta’ettis amanaaJalqaba warra isatti kafaruu hin ta’inaaKeeyyattoota kiyyaanis gatii xiqqaa hin bitatinaaAna qofa sodaadhaa

    Verse 42

    Odoo beektanii dhugaa sobaan [walitti] hin makinaa; haqa hin dhoksinaas

    Verse 43

    Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa; warra rukuu’a godhan wajjinis rukuu’a godhaa

    Verse 44

    Sila odoo kitaaba dubbiftanuu gaariitti nama ajajaa lubbuu keessan dagattuu! Sila hin xiinxaltanuu

    Verse 45

    Obsaafi salaataan gargaarsa barbaadaaDhugumatti, isheen warra [Rabbiin] sodaatan irratti malee ulfaattuudha

    Verse 46

    [Isaan] warra Gooftaa isaanii wajjiin wal qunnamuufi gara Isaatti deebi’uu mirkaneeffataniidha

    Verse 47

    Yaa Ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isinii ooleefi kan Ani aalama hunda irra isin caalchise [yaadadhaa]

    Verse 48

    Guyyaa lubbuun [tokko] lubbuu (biraa) homaa hin fayyadne, kan jaarsummaan (araarsi) ishee irraa hin fudhatamneefi gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, kan isaanis hin tumsamne san sodaadhaa

    Verse 49

    Ammas yeroo Nuti ummata Fir’awn kan hamtuu adabbii isin dhandhamsiisaa turan, ilmaan dhiiraa keessan gorra’aniifi dubartoota keessan dhiisan irraa bilisa isin baafne san [yaadadhaa]Sana keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira

    Verse 50

    Yeroo bahra isiniif addaan foonee, ergasii bilisa isin baafnee ummata Fir’awn odoo isin argitanuu bishaaniin dhidhimsine sanis [yaadadhaa]

    Verse 51

    Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamnes [yaadadhaa]Ergasii isin bakka inni hin jirretti warra of miidhe taatanii mirgoo (jibicha) [gabbaramaa] taasifattan

    Verse 52

    Ergasii sana booda akka isin galateeffataniif jecha dhiifama isiniif goone

    Verse 53

    Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi addaan fooyaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines [yaadadhaa]

    Verse 54

    Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata kiyya! isin mirgoo [gabbaramaa] taasifachuun lubbuu keessan miitanii jirtanKanaaf gara [Rabbii] uumaa keessan ta’eetti deebi’aaLubbuu keessanis ajjeesaaSanatu Uumaa keessan biratti isiniif caala" jedhes [yaadadhaa]Ergasii [Rabbiin] dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale)Dhugumatti, Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha

    Verse 55

    Yeroo isin "yaa Muusaa! nuti hanga Rabbiin ifatti arginutti siif hin amannu" jettanii odoo isin argitanuu duuti isin qabattes [yaadadhaa]

    Verse 56

    Ergasii akka isin galateeffattaniif jecha booda du’a keessaniitii isin kaafne

    Verse 57

    Duumessa isin irratti gaaddiseessineManniifi Salwiis[] isin irratti buufne"Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa" (isiniin jenne)Isaanis homaa nu hin miine; garuu lubbuu isaanii kan miidhan turan

    Verse 58

    Yeroo Nuti "magaalattii[] kana seenaa; ishee irraas iddoo feetanii [nyaata] bal’aa nyaadhaaBalbalichas sujuudaa seenaa"[Kadhaan keenyas badiin] nurraa harca'uudha" jedhaa, badii keessan isiniif araaramnaWarra toltuu hojjataniif [mindaa] dabaluuf jirra" jennes [yaadadhaa]

    Verse 59

    Warri miidhaa hojjatan [jecha isaaniin jedhame] jecha isa isaaniin hin jedhaminitti jijjiiranWaan isaan fincilaa turaniif jecha warra miidhaa hojjatan irratti adabbii samii irraa ta'e buufne

    Verse 60

    Yeroo Muusaan ummata isaatiif dhugaatii (bishaan) barbaadee achumaan Nutis "ulee keetiin dhagicha rukuti" jennaan burqituun kudha lama isa irraa maddite [yaadadhaa]Namoonni hundi iddoo irraa dhugan beekanii jiru"Soorata Rabbii irraa nyaadhaa, dhugaa; Dachii keessas badii hin babal’isinaa" [jenneen]

    Verse 61

    Yeroo "Yaa Muusaa! nuti nyaata tokko irratti hin obsinuu, akka waan dachiin biqilchitu irraa, kudraa ishee irraa, dabaaqula ishee irraas, qamadii ishee irraas, misira ishee irraas, shunkurtii ishee irraas nuuf baasu Gooftaa kee nuuf kadhu" jettanis [yaadadhaa](Muusaanis) ni jedhe: "Sila isin isa gadi aanaa ta’etti isa caalaa ta’e jijjiirrattuu? Gara magaalaa gadi bu’aa; wanti gaafattan isiniif jira." Salphinaafi hiyyummaan isaan irratti haguugamtee, dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’anKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa, nabiyyootas haqaan ala ajjeesaa turaniifiKun waan isaan fincilaa, daangaas dabraa turaniif

    Verse 62

    Dhugumatti warri amanan, isaan yahuudoman, kiristaanonniifi saabi’oonni,[] [isaan irraa] namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee toltuus hojjate, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii biratti qophaa’ee jiraSodaanis isaan irra hin jiru; Isaanis hin gaddanu

    Verse 63

    [Yaa ilmaan Israa’iil!] Yeroo Nuti waadaa keessan qabanneefi [gaara] Xuuris isin gubbaatti ol kaafnee "waan Nuti isiniif kennine cimsaa qabadhaaAkka Rabbiin sodaattaniif waan isa keessa jirus yaadadhaa’ isiniin jenne [yaadadhaa]

    Verse 64

    Ergasii sana booda gara galtanOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin warra hoongaye irraa taatu

    Verse 65

    Dhugumatti isin warra isin irraa [dhimma] Sanbataa keessatti[] daangaa dabranii, "isin jaldeeyyii salphattoota ta’aa" isaaniin jenne beektanii jirtu

    Verse 66

    Kanaafuu Nuti ishee (adabbii sana) warra isaaniin duraatiifi isaaniin boodaatiif jiilchaa, warra Rabbiin sodaataniif immoo gorsa taasifne

    Verse 67

    Yeroo Muusaan ummata isaatiin "dhugumatti, Rabbiin sa’a qaluutti isin ajaja" jedhe [yaadadhaa][Ummanni isaas] "sila ati qishnaa nu godhattaa?" jedhan[Muusaanis] "ani warra wallaaloo [namatti qoosan] ta’uu irraa Rabbittin maganfadha" jedhe

    Verse 68

    [Ummanni isaas] "isheen maal akka taate ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhaniin[Muusaanis] ni jedhe: "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a hin dulloomin, kan jabbiis hin ta’in giddu gala taate’ jedhaWaanuma ajajamtan dalagaa

    Verse 69

    [Ummanni isaas] "bifa ishee ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhan[Muusaanis] "dhugumatti, Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a daalattii, bifti ishee akkaan daalattii daaw’attoota gammachiiftuudha' jedha" jedheen

    Verse 70

    [Ummanni isaas] “Dhugumatti, sa’oonni nurratti wal fakkaataniiru; maalummaa ishee ifa nuuf haa godhuu Gooftaa kee nuuf gaafadhuNuti yoo Rabbiin fedhe qajeeluuf jirra" jedhan

    Verse 71

    [Muusaanis] ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘dhugumatti isheen sa’a dachii qotuufi oorruu (bishaan) obaasuu irratti hin leenjifamin, kan [hirdhuu qaamaa irraa] nagaa taateefi bifti makaan ishee keessa hin jirreedha’ jedha." [Ummanni isaas] "amma dhugaa fiddee jirta" jedhanKan hojjachuuttis hin dhihaanne ta’anii ishee qalan

    Verse 72

    Yeroo lubbuu ajjeeftanii [waa’ee] ishee keessatti wal falmitan [yaadadhaa]Rabbiin waan isin dhoksaa turtan ifa baasaadha

    Verse 73

    Garii [qaama] isheetiin isa (reeffa isaa) rukutaa" jenneAkka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa

    Verse 74

    Ergasii booda onneen keessan ni gogdeIsheen [gogiinsa keessatti] akkuma dhagaati; yookiin goginaan ni caaltiDhugumatti dhagoota irraa kan laggeen isarraa maddantu jiruIsaan(dhagoota) irraa kan dhodhooyee bishaan isa irraa ba’us ni jiraAmmas isaan irraa kan sodaa Rabbii irraa ka'ee gadi kufutu jiraRabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa miti

    Verse 75

    Sila! odoo gareen isaan (Yahuudaa) irraa ta’e haasa’a Rabbii kan dhaga’an ta’anii, eega hubatanii booda odoo beekanuu jijjiiran jiranuu, nuuf amanu jechuu kajeeltuu

    Verse 76

    Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amannee jirra" jedhanYeroo gariin isaanii garii waliin kophaa ba'an, "sila akka Rabbii keessan biratti ittiin isin falmanuuf waan Rabbiin isin beeksise isaanitti odeessituu! Sila hin xiinxaltanuu!" jedhu

    Verse 77

    Sila isaan akka Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhan beeku hin beekanuu

    Verse 78

    Isaan irraas wallaaltota hawwii sobaa malee kitaaba hin beeknetu jiraIsaan kan shakkan malee homaa miti

    Verse 79

    Warra kitaaba harka isaaniitiin katabanii, ergasii isaan gatii muraasa bitachuuf jecha "kun Rabbiin biraa bu’e" jedhaniif badiin mirkanaa'e! Waan harki isaanii barreessiteef jecha badiin isaaniif haa ta’u! Ammas waan isaan carraaqqataniif jecha badiin isaaniif haa ta’u

    Verse 80

    Ibiddi guyyaa lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu" jedhan"Sila isin Rabbiin bira waadaa kaayattanii? [Yoo akkas ta’eef] Rabbiin waadaa isaa hin diigu; [miti] dhugaatti, waan hin beekne Rabbi irratti dubbattu" jedhi

    Verse 81

    [Dubbiin akka isin jettan] miti! Namni hamtuu hojjatee hamtuun isaa isa marsite, isaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha

    Verse 82

    Warri amananii, gaggaarii hojjatan immoo isaan warra jannataa kan ishee keessatti hafanuudha

    Verse 83

    Ammas yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil irraa "Rabbiin malee [waan biraa] hin gabbarinaa; abbaafi haadhaaf, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis tola oolaa; namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jechuun) waadaa qabanne [yaadadhaa]Ergasii nama muraasa isin irraa ta’e malee, duuba deebi’aa taatanii irraa gara galtani

    Verse 84

    Yeroo Nuti "dhiiga keessan hin dhangalaasinaa; namoota keessanis manneen isaanii irraa hin baasinaa" (jechuun) waadaa keessan qabannee ergasii isin ragaa taatanii mirkaneessitan [yaadadhaa]

    Verse 85

    Ergasii isinuma kanneentu lubbuu walii ajjeesaOdoo isaan baasuun dhorgaa isin irratti ta’ee jiruu garee isin irraa ta’e manneen isaanii irraa baaftu; isaan irrattis badiifi diinummaan wal gargaartuYoo isaan booji’amtoota ta’anii isinitti dhufanii immoo isaan bilisoomsituSila garii kitaabaatti amantanii gariitti kafartuu? Mindaan nama isin irraa kana hojjatuu jireenya addunyaa kanaa keessatti salphina malee hin jiruGuyyaa Qiyaamaas gara adabbii cimaa deebifamuRabbiin waan isin dalagdan kan dagatus hin taane

    Verse 86

    Isaan warra jireenya addunyaatiin Aakhiraa jijjiirrataniidhaKanaafuu adabbiin isaan irraa hin salphifamuIsaan hin gargaaramanus

    Verse 87

    Dhugumatti Nuti Muusaaf kitaaba kenniineerraIsa boodas ergamtoota walitti aansuun hordofsiifnee jirraIisaa ilma Maryamiifis mallattoolee ifa ta’an kenninee jirra"Ruuhul Qudsiin" (Jibriiliinis) isa jabeessinee jirraSila dhawaata ergamaan waan lubbuun keessan hin feeneen isinitti dhufuun boontaniiti garii kijibsiiftanii garii ajjeeftuu

    Verse 88

    [Isaanis] "Onneen keenya cufamaadha" jedhanDhugumatti sababa kufrii isaanii Rabbiin waan isaan abaareef xiqqoo malee hin amananu

    Verse 89

    Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e kan waan isaanii wajjin jiru (Tawraatifi injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argataniif [dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiin] kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaranKanaafuu abaarsi Rabbii kaafiroota irra haa jiraatu

    Verse 90

    Isaan Rabbiin tola Isaa irraa gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusuu waanyuun (jibbuun) waan Rabbiin buusetti kafaruun, wanti isaan lubbuu isaanii ittiin jijjiirratan waa fokkateKanaafuu dallansuu irratti dallansuudhaan deebi’anKaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira

    Verse 91

    Yeroo waan Rabbiin buusetti amanaa isaaniin jedhame "nuti waan nurratti buufametti amanna" jedhuWaan isaan ala jiru odoo inni dhugaa dhugoomsaa waan (kitaaba) isaanii wajjin jiruu ta’ee jiruu itti kafaran(Yaa Muhammad! SAW) jedhi: "Sila yoo dhugaan mu’uminoota taataniif maaliif sana dura nabiyyoota Rabbii ajjeeftu

    Verse 92

    Dhugumatti Muusaanis ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiraErgasii isin lubbuu keessan miidhoo taatanii isa booda (bakka inni hin jirretti) mirgoo [gabbaramaa] godhattan

    Verse 93

    Yeroo Nuti waadaa keessan qabannee Gaara Xuurii gubbaa keessan irratti ol fuunee "Waan Nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa[Jecha keenyas] dhaga'aa" jenne [yaadadhaa]Ni jedhan: "Dhageenyee faallessineerra." Onnee isaanii keessa sababaa kufrii isaanitiin [jaalala] mirgoo [gabbaruu] obaafamanii jiru"Yoo mu’uminoota taataniif wanti iimaanni keessan itti isin ajaju waa fokkate" jedhi

    Verse 94

    Jedhi: "Yoo manni Aakhiraa Rabbiin biratti isin qofaaf namoota biraatiin ala kophatti ta’e, yoo dhugaa kan dubbattan taataniif mee du’a hawwaa

    Verse 95

    Sababa waan harki isaanii dabarfatteef jecha gonkumaa isa hin hawwanuRabbiin warra miidhaa dalaganu akkaan beekaadha

    Verse 96

    Nama hunda irra jireenyaaf bololaa (saassataa) ta’uu isaanii argitaMushrikoota irrallee [jireenyaaf bololu]Tokkoon isaanii haala jiraachifamuun isaa kan isa hin fayyanne ta’ee jiruun, odoo waggaa kuma jiraachifamee jaalataRabbiin waan isaan dalagan akkaan argaadha

    Verse 97

    Namni sababa Jibriil isa (Qur’aana) dhugoomsaa waan isa duraatiifi mu’uminootaaf qajeelfamaafi gammachuu ta’e fedha Rabbiitiin onnee kee irratti waan buuseef Jibriiliif diina ta’e, [dallansuu isaatiin haa du’u]” jedhi

    Verse 98

    Namni Rabbiif, malaa’ikootaaf, ergamtootaaf, Jibriiliifi Miikaa’iiliif diina ta’e [kaafira]Dhugumatti Rabbiin kaafirootaaf diina

    Verse 99

    Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an gara keetti buufnee jirraIsaanitti kan kafaru finciltoota malee hin jiru

    Verse 100

    Sila isaan dhawaata waadaa wahii seenaniin, gareen isaan irraa ta’e isa gataa (waadaa diigaa)? Dhugaatti irra hedduun isaanii hin amanan

    Verse 101

    Yeroo ergamaan Rabbiin biraa dhugoomsaa waan isaan biraa ta’ee isaanitti dhufes, gareen warra kitaabni kennameef irraa ta’e akka waan hin beekiniitti kitaaba Rabbii dugda duuba isaaniitti of irraa darbu

    Verse 102

    Waan shayxaanonni bara mootummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofanSulaymaanis hin kafarreGaruu shayxaanonni sihriifi waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabil keessatti buufame nama kan barsiisan ta'anii kafaranIsaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarinaa" hin jedhin (sihrii) hin barsiisanu(Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratuIsaanis nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan miidhan hin taaneWaan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratanDhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) jijjiirrate Aakhiratti qooda hin qabaanne sirritti beekaniiruOdoo kan beekan ta’anii, wanti isaan lubbuu isaanii itti gurguran waa fokkate

    Verse 103

    Odoo isaan amananii Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture; odoo kan beekan ta’anii (silaa kan biraa hin filatanu)

    Verse 104

    Yaa warra amantan! (Ergamaa Rabbiitiin) "Raa’inaa" hin jedhinaatii "Unzurnaa" jedhaa; dhageeffadhaasKaafirootaaf adabbii laalessaa ta’etu jira

    Verse 105

    Abbootii kitaabaas ta’ee mushrikoota irraa warri kafaran Gooftaa keessan irraa toltuun isin irratti buufamuu hin jaalatanuRabbiin rahmata Isaatiin nama fedhe filataRabbiinis abbaa tola guddaati

    Verse 106

    Wanta keeyyata irraa jijjiirre yookiin si irraanfachiifne caaltuu ishee yookiin fakkaattuu ishee finnaSila ati Rabbiin waa hunda irratti danda’aa ta’uu hin beektuu

    Verse 107

    Sila ati mootummaan samiifi dachii kan Rabbii ta’uu hin beektuu? Isiniifis Rabbiin ala jaalalleefi gargaaraan hin jiru

    Verse 108

    Dhugaatti isin akka Muusaan kana dura gaafatame ergamaa keessan gaafachuu feetuNamni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera

    Verse 109

    Hedduun warra kitaabaa irraa ta’an erga dhugaan ifa isaanii galee booda, waanyoo lubbuu isaanii irraa kan ka'e erga amantanii booda kaafiroota taatanii isin deebisuu jaallatuHanga Rabbiin ajaja Isaa fidutti dhiifama godhaa; irras dabraaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

    Verse 110

    Salaata gadi dhaabaa; zakaas kennaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan (kamillee) Rabbiin biratti isa argattuDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan akkaan argaadha

    Verse 111

    Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhanKun hawwii isaaniiti“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhi

    Verse 112

    (Dubbiin akka isin jettanii) miti; namni gaarii dalagaa fuula isaa Rabbiif kenne mindaan isaa Rabbii isaa bira isaaf jira; sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus

    Verse 113

    Oduma kitaaba qara’anuu yahuudonni “kiristaanonni homaa irra (amantii sirrii ta’e hordofaa) hin jiranu” jedhu; Kiristaanonnis “yahuudonni homaa irra hin jiranu” jedhuAkkuma san warri hin beekne fakkaataa jecha isaanii dubbatanRabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan irratti murteessa

    Verse 114

    Nama masjiidota Rabbii akka isaan keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isaaniitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate hin jiruWarri sun haala sodaan guutamaniin malee isaan (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’uIsaaniif addunyaa keessatti salphinatu jiraAmmas isaaniif Aakhiratti adabbii guddaa ta’etu jira

    Verse 115

    Bahaafi Dhiitis kanuma RabbiitiKanaafuu gara feetan yoo gara galtan, Fuulli Rabbii achuma jiraDhugumatti, Rabbiin (rahmanni Isaa) bal’aadha; hunda beekaadha

    Verse 116

    Raabbiin ilma godhate" jedhanInni qulqullina isaaf (malu ququllaa'e)Dhugaatti wanti samiifi dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiHunduu isaaf ajajamoodha

    Verse 117

    (Inni) argamsiisaa samiifi dachiitiYeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama

    Verse 118

    Warri (homaa) hin beekne: "maaliif Rabbiin nuun hin dubbanne yookiin maaliif mallattoon wahii nuuf hin dhufne? jedhu; akkasuma warri isaaniin duraa fakkaataa jecha isaanii dubbatanOnneen isaanii wal fakkaatteDhugumatti, Nuti namoota (amantii Rabbii) mirkaneeffataniif mallattoolee (keenya) ifa taasifnee jirra

    Verse 119

    Nuti dhugaan gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee si ergineAti warra ibiddaa irraa hin gaafatamtu

    Verse 120

    Yahuudotas ta’anii kiristaanonni hanga ati amantii isaanii hordoftutti sirraa hin jaalatanu(Yaa Muhammad! SAW) "Dhugumatti qajeelfamni Rabbii isuma qofatu qajeelfama (sirriidha)" jedhiErga beekumsa irraa sitti dhufee yoo fedha lubbuu isaanii hordofte, Rabbi irraa jaalallees ta’ee tumsaan siif hin jiru

    Verse 121

    Isaannan Nuti kitaaba (Tawraatiin yookiin Qur’aana) isaaniif kennine qaraatii (hordoffii) malu isa qara’uIsaan isatti amanuNamni isatti kafares, isaan warra hoonga’oodha

    Verse 122

    Yaa ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isin irratti oole san yaadadhaa; Ani Aalama hunda irra isin caalchisuu kiyyaas [yaadadhaa]

    Verse 123

    Guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraa hin fayyanne, kan gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, araarri homaatuu ishee hin fayyanneefi isaanis tumsa hin arganne sodaadhaa

    Verse 124

    Yeroo Ibraahiimiin Gooftaan isaa jechootaan isa mokkoree (Ibraahiimis) isa guute [yaadadhaa](Rabbiinis) "Dhugu-matti, Ani namootaaf imaama (dursaan) si taasisa" jedhe(Ibraahiim) ni jedhe:"Sanyii kiyya irraas (taasisi)." (Rabbiinis) ni jedhe: "Waadaan (nabiyyummaan) kiyya warra miidhaa hojjatan hin argatu

    Verse 125

    Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes [yaadadhaa]Maqaama Ibraahiim irraas iddoo salaataa taasifadhaa(Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessuu isaan ajajnee jirra

    Verse 126

    Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Magaalaa kana (Makkaan) iddoo tasgabbii taasisiWarra (jiraattota) isaas, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa](Rabbiinis) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara adabbii ibiddaattin isa geessaIddoo deebii kan akkaan fokkateedha!" jedhe

    Verse 127

    Yeroo Ibraahiimiifi Ismaa’iil "Yaa Rabbi Ati dhagahaa beekaa dhaa! nurraa qeebali" jedhaa; bu’uura manaa (Ka’abaa) ol fuudhan (ummataaf himi)

    Verse 128

    Gooftaa keenya! Nu lamaanuu Siif ajajamtoota nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi)‘Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah irratti raawwachuu qabnus) nutti agarsiisiTawbaa keenyas nurraa qeebaliDhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha

    Verse 129

    Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e kan keeyyattoota kee isaan irratti qara’u, kan kitaabaafi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergiDhugumatti, Ati Situ akkaan injifataa, ogeessa

    Verse 130

    Sila nama lubbuu isaa gowwoomse malee namni amantii Ibraahiim irraa gara galu ni jiraa? addunyaa keessattis isa filannee jirra; dhugumatti, inni Aakhiraa keessattis warra gaggaarii irraayyi

    Verse 131

    Yeroo Gooftaan isaa "(Rabbiin jala) butami" isaan jennaan, [Inni] "Gooftaa aalamaa jala butameera" jedhe [yaadadhu]

    Verse 132

    Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe)

    Verse 133

    Sila yeroo Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhu isin bira jirtumoo? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)

    Verse 134

    Dhugumatti isheen sun ummata dabarteIsheedhaaf mindaa waan oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan oomishtaniitu jiraIsinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu

    Verse 135

    Ni qajeeltuu Yahuudaa yookiin Kiristaanota ta’aa" jedhan"Dhugaatti karaa Ibraahiim isa qajeelaa ta’e (hordofna); Innis mushrikoota irraa hin taane" jedhi

    Verse 136

    (Mu’uminoonni) jedhaa: “Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii[]fi Asbaaxitti buufametti (amannee jirra)Waan Muusaafi Iisaan kennamanittisWaan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis (amannee jirra)Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnuNutis warra Isaaf butameedha.”

    Verse 137

    Yoo fakkaataa waan isin itti amantaniititti amananiif dhugumatti qajeelaniiruYoo isa irraa gara galan immoo isaan wal faallessuu qofa keessa jiruRabbiinis isaan siif ga’a (sirraa dhorga)Innis akkaan dhagayaa, akkaan beekaadha

    Verse 138

    Halluu Rabbii isa uumamaa (amantii Isaa) (qabadhaa)Namni Rabbirra halluu dibuu tolchu eenyu? Nuti isuma gabbarra

    Verse 139

    (Yaa Muhammad! Yahuudotaafi Kiristaanotaan) jedhi: “odoo Inni Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessan ta’ee jiruu, nuufis dalagaan keenya, isiniifis dalagaan keessan jiruu, waa’ee Rabbii keessatti nuun falmituu? Nuti (amantii) Isaaf qulqulleessoodha

    Verse 140

    Sila Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubiifi Asbaax yahuudota yookiin kiristaanota turan jettuu? Sila isintu irra beekamoo Rabbi?” jedhiinSila nama ragaa Rabbirraa bu’e kan isa bira jiru dhokse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiinis waan isin dalagdan dagataa miti

    Verse 141

    Dhugumatti isheen sun ummata dabarteIsheefis mindaa waan oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan oomishtaniitu jiraIsinis waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtanu

    Verse 142

    Namoota irraa warri gowwaan "Sila qiblaa irra turan (Beytal-Maqdis)irraa maaltu isaan garagalche?" jedhu"Kallattiin Bahaafi Dhihaas kanuma RabbiitiInni nama fedhe gara karaa sirrii qajeelcha" jedhi

    Verse 143

    Akkasuma (akkuma isin qajeelchinetti) namoota irratti ragaa akka taatanuufi ergamichis ragaa isin irratti ta’uuf jecha filatamtuu ummataa isin taasifneNuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifneDhugumatti sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turteRabbiin iimaana (salaata) keessan (kan gara Beytal-Maqdis gara galtanii sagadaa turtan) kan balleessu hin taaneDhugumatti, Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha

    Verse 144

    Dhugumatti, gara samii deddeebi’uu fuula keetii arginee jirraGara qiblaa ati jaallattuu si deebisuuf jirra(Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchiEessallee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaaDhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beekuRabbiinis waan isaan hojjatan irraa dagataa miti

    Verse 145

    Odoo warra kitaabni isaaniif kennametti mallattoo hundaan itti dhufteeyyuu qiblaa kee hin hordofanuAtis qiblaa isaanii kan hordoftu hin taaneGariin isaaniis qiblaa garii isaanii kan hordofanu hin taaneDhugumatti, erga beekumsa irraa waa sitti dhufee booda odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee, ati yoos warra akkaan miidhaa hojjatanu irraa taata turte

    Verse 146

    Warri Nuti kitaaba isaaniif kennine akkuma ilmaan ofii beekanitti isa (Ergamicha) beekuDhugumatti gareen isaan irraa ta’e odoo beekanuu dhugaa dhoksu

    Verse 147

    Dhugaan Gooftaa kee irraayiKanaafuu warra shakkan irraa hin ta’in

    Verse 148

    Hawaasa hundaafuu kallattii isaan itti gara galantu jiraToltuu irratti wal dorgomaaEessallee yoo taatan Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) hunda keessanuu ni fidaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

    Verse 149

    Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjidal Haraam gara galchiDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eRabbiinis waan isin dalagdan dagataa hin taane

    Verse 150

    Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjiidal Haraam gara galchiEessallee yoo taatan akka namootaaf ragaan isin irratti hin jiraanneef, akka Anis qananii kiyya guutee isiniif kennuufi isinis (gara haqaa) qajeeltaniif jecha fuula keessan gara isaa gara galchaaGaruu isaan irraa warra miidhaa hojjatan hin sodaatinaatii Anuma qofa sodaadhaa

    Verse 151

    Akkuma ergamaa isin irraa ta’e kan keeyyattoota keenya isin irratti qara’u, isin qulqulleessu, kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisu isin keessatti ergine (isin qanansiifne)

    Verse 152

    Ana yaadadhaa; Anis isiniin yaadadhaaGalatas naaf galchaa; Nattis hin kafarinaa

    Verse 153

    Yaa warra amantan! Obsaafi salaataan gargaarsa barbaadaaDhugumatti, Rabbiin warra obsan waliin jira

    Verse 154

    Nama karaa Rabbii keessatti ajjeefamuun du’aadha hin jedhinaaDhugumatti isaan fayyaadha, garuu isin hin beektanu

    Verse 155

    Isaan warra yeroo balaan isaan tuqe "dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaattis deebi’oodha" jedhaniidha

    Verse 156

    Isaan warra faaruufi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudhaWarri sun isaanumatu qajeelfamoodha

    Verse 157

    Isaan warra faaruufi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudhaWarri sun isaanumatu qajeelfamoodha

    Verse 158

    Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii irraayyiNamni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiruNamni fedhii isaatiin toltuu hojjates (ni mindeeffama)Rabbiin galateeffataa beekaadha

    Verse 159

    Dhugumatti, isaannan waan Nuti buufne kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf addeessinee booda dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara; warri abaaranus isaan abaaru

    Verse 160

    Garuu warri tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan warra san tawbaa isaanii isaan irraa nan qeebalaAni akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha

    Verse 161

    Dhugumatti, warri kafaranii kaafirtoota ta’anii du’an, sunniin abaarsi Rabbii, malaa’ikootaafi kan namoota hundaatuu isaan irra jiraata

    Verse 162

    Isii keessa yeroo hunda jiraatuadabbiin isaan irraa hin salphifamuBaallamnis isaaniif hin kennamu

    Verse 163

    Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha

    Verse 164

    Dhugumatti uumama samiifi dachii, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa, doonii waan namoota fayyaduun galaana keessa yaatu, bishaan irraa waan Rabbiin samii irraa buusee ittiin dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hunda irraa isii keessa facaase, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira

    Verse 165

    Namoota irraas nama Rabbiin ala gabbaramoota (biraa) kan akka Rabbiin jaallatanutti isaan jaallatan godhatantu jiruIsaan amanan irra caalaa Rabbiin jaallatuWarri miidhaa hojjatanu yeroo adabbii argan akka humni hundi kan Rabbii ta’eefi Rabbiinis (abbaa) adabbii cimaa akka ta’e odoo arguu kan danda’an ta’anii (silaa gabbaramaa biraa hin godhatanu)

    Verse 166

    Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaayanii (akka isaan hin jallisin ibsanii)fi (yeroo) adabbii argan, hariiroon isaanii hundi yeroo isaan jalaa citu (odoo beekanii gabbaramaa biraa hin godhatanu ture)

    Verse 167

    Isaan hordofanis ni jedhu: "odoo carraan (gara addunyaa) deebi’uu nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaayan nutis isaan irraa qulqulloofna turre." Akka kanatti Rabbiin hojiiwwan isaanii gaabbii (sheenaa) isaan irratti godhee isaanitti mul’isaIsaan ibidda irraas bahoo miti

    Verse 168

    Yaa namootaa! Waan dachii keessa jiru irraa halaala gaarii ta’e nyaadhaaTarkaanfiilee sheyxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni isiniif diina ifa bahaadha

    Verse 169

    Kan inni itti isin ajaju hamtuu, waan fokkataafi Rabbi irratti waan hin beekne dubbachuudha

    Verse 170

    Yeroo "waan Rabbiin buusetti amanaa" isaanin jedhames, "Lakkisaa; nuti waan abbootiin keenya hordofaa turan hordofna" jedhuSila odoo abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi karaa qajeelaa irra hin jirre ta’anilleemoo

    Verse 171

    Fakkeenyi warra kafaranii, akka fakkeenya isa waan waamichaafi iyyansa malee hin dhageenyetti lallabuuti(Isaan) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha; isaan hin xiinxalanu

    Verse 172

    Yaa warra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa; yoo kan Isa gabbartan taatan, Rabbiifis galata galchaa

    Verse 173

    Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhame qofaNamni odoo halaalli mijaa’uu haraamatti darbuufi nyaata isaa keessatti daangaa darbuun maleetti rakkifame badiin isarra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha

    Verse 174

    Dhugumatti, isaan kitaaba irraa waan Rabbiin buuse dhoksanii gatii xiqqaa isaan bitatan, isaan sun garaa isaanii keessatti ibidda malee hin nyaatanuRabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; isaan hin qulqulleessus; isaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira

    Verse 175

    Isaan warra qajeelumaan jal’ina, araaramaan immoo adabbii bitataniidhaSila maaltu ibidda irratti akkaan isaan obsisiise

    Verse 176

    Sun sababa Rabbiin kitaaba dhugaan buufnaan, warri kitaaba keessatti wal dhaban wal diddaa fagoo keessa ta’aniifi

    Verse 177

    Dalagaan gaariin fuula keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti amanee, odoo jaallatuu qabeenya firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf kennee, salaatas gadi dhaabee, zakaa kenneefi warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutanii, warra rakkina, dhukkuba hamaafi yeroo lolan obsaniidhaIsaan warra dhugaa qabataniIsaanis warra Rabbiin sodaataniidha

    Verse 178

    Yaa warra amantan! Ajjeechaa keessatti "qisaasni" (seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameeraBilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaanNamni obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi kaffaltiin gumaa dhiigaas haala gaariin raawwatamuutu irra jiraKun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedhaNamni sana booda daangaa dabre, isaaf adabbii laalessaa ta’etu jira

    Verse 179

    Yaa warra sammuu qabdan! "Qisaasa" keessa lubbuu (du’a) irraa baraaruutu isiniif jiraAkka isin ajjeechaa irraa eeggattaniif (kana goone)

    Verse 180

    Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya of duubatti dhiise ta’e: abbaa, haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera

    Verse 181

    Namni erga isa (dhaamsa) dhagayee booda isa jijjiire, badiin isaa warra isa jijjiiran irratti ta’aDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha

    Verse 182

    Namni isa dhaamu san irraa jal’ina yookiin badii sodaatee gidduu isaaniitti nagaa buuse, badiin isa irra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha

    Verse 183

    Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera

    Verse 184

    Guyyoota lakkaa’amtuu (qofatu murteeffame)Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)Warra isa (Soomuu) danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jiraNamni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadhaYoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala

    Verse 185

    Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedhaNamni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomuNamni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhuAkka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone)

    Verse 186

    Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatanis “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin)Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadhaAkka qajeelaniif jecha naaf haa owwaatanu; nattis haa amananu

    Verse 187

    Halkan soomaa gara dubartoota (niitiwwan) keessanii dhaquun (qunnamtii saalaa gochuun) isiniif hayyamameeraIsaan isiniif uffata; isiniis isaaniif uffataRabbiin akka isin lubbuu keessan ganaa turtan beekee tawbaa keessan isin irraa qeebalee dhiifamas isiniif godheAmma isaan waliin qunnamtii saalaa godhaa; (ilmaan irraa) waan Rabbiin isiniif katabe barbaaddadhaaHanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda fooyamutti nyaadhaatii dhugaaErgasii hanga halkaniitti sooma keessan guutaaOdoo masjiidoota keessa i’itikaafa taa’aa jirtanuu isaan waliin qunnamtii saalaa hin raawwatinaaSun daangaawwan Rabbiitii isheetti hin dhihaatinaaAkka Isa sodaataniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa namootaaf ibsa

    Verse 188

    Qabeenya keessanis gidduu keessanitti sobaan hin nyaatinaaQabeenya namootaa irraa garii isaa odoo beektan cubbuun nyaachuuf jecha abbootii seeraatiifis malaan-maltummaan hin dhihaatinaa

    Verse 189

    (Yaa Muhammad!) Waa’ee baatii reefuu baatu irraa si gaafatu“Isheen namootaaf kan yeroo ibsituufi hajji (beeksiftuu)dha” jedhiDalagaan gaariin manneen boroo isaaniitiin seenuu keessanii mitiGaruu dalagaan gaariin (iimaana) nama Rabbiin sodaatuutiManneen balbaluma isheetiin seenaa; akka milkooftaniif jecha Rabbiinis sodaadhaa

    Verse 190

    Karaa Rabbii keessattis warra isiniin lolaniin lolaaDaangaas hin dabrinaaRabbiin warra daangaa dabran hin jaalatu

    Verse 191

    (Warra isiniin lolan) bakkuma isaan argitanitti isaan ajjeesaaIddoo isaan isin baasan irraas isaan baasaaShirkiitu ajjeechaa caalaa hamaadhaMasjidal-Haraam biratti, yoo isaan isa keessatti isin waraanan malee isin isaan hin waraaninaaYoo isaan isin waraanan, isinis isaan ajjeesaa; galanni kaafirootaa akkuma kana

    Verse 192

    Yoo isaan (waraana) dhaabanii amantii seenan Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha

    Verse 193

    Hanga shirkiin hafee amantiin Rabbiif qofa ta’utti isaaniin lolaaYoo isaan (lola) dhiisan, warra miidhaa hojjatu irratti malee diinomuun hin jiru

    Verse 194

    Baatiin kabajamaan baatuma sana keessa (galata galfama); kabajaan gamaa gamanaayi (yoo isaan baaticha san kabajan isiniis kabajju)Nama isin irratti daangaa dabre isinis fakkaatuma waan inni isin irratti daangaa dabreetiin isa irratti daangaa dabraaRabbiin sodaadhaa; Rabbiin warra Isa sodaatuu wajjiin ta’uus beekaa

    Verse 195

    Karaa Rabbii keessattis arjoomaaHarka keessaniin gara badiittis of hin darbinaaToltuus hojjadhaa; Dhugumatti, Rabbiin warra toltuu hojjatan ni jaalata

    Verse 196

    Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaaYoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa)Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’uttis mataa keessan hin haaddatinaaNamni isin irraa dhukkubsate yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasuYeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jiraNamni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu)Sun (guyyaa) kudhan guutuudha(Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif qofaRabbiin sodaadhaa; adabbiin Rabbii cimaa ta’uus beekaa

    Verse 197

    Hajjiin ji’oota beekamoodhaNamni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluufi falmii gaggeessuu hin qabuToltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin akkaan ni beekaGalaa guduunfadhaa; dhugumatti caalaan galaa sodaa RabbiitiYaa warra sammuu qabdan Anuma sodaadhaa

    Verse 198

    (Yeroo hajjii keessa) tola Rabbii keessanii irraa yoo barbaaddattan badiin isin irra hin jiruYeroo Arafaa irraa dachaatanis Mash’aral Haraam biratti Rabbiin zakkaraaAkkuma Inni isin qajeelchetti isa zakkaraa; sanaan dura warra jallatoo irraa turtani

    Verse 199

    (Yaa Qurayshotaa!) ergasii bakka namoonni yaa'aniin yaa'aaRabbiin araarama gaafadhaaDhugumatti, Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha

    Verse 200

    Yeroo hojii hajjii raawwattan, akkuma abbootii keessan faarsitanitti yookiin faaruu sana caalu Rabbiin zakkaraaNamoota irraa nama odoo Aakhiraatti carraa hin qabne “yaa Rabbii keenya addunyaa irratti (gaarii) nuuf kenni” jedhutu jira

    Verse 201

    Isaan irraas nama "Gooftaa keenya! Duuniyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni; adabbii ibiddaa irraa nu baraari" jedhantu jiru

    Verse 202

    Warra san isaaniif waan hojjatan irraa qoodatu jiraRabbiin saffisaa qormaataati

    Verse 203

    Guyyoota lakkaa’amtuu keessa Rabbiin yaadadhaaNamni guyyaa lama keessatti ariifate badiin isarra hin jiruNamni booda aanes badiin isa irra hin jiru(Kun) nama (Rabbiin) sodaateefiRabbiin sodaadhaa; gara Isaatti oofamuu keessanis beekaa

    Verse 204

    Namoota irraa nama haala falmiidhaan jabaa ta'een jechi isaa addunyaa irratti si dinqisiisuufi kan waan qalbii isaa keessa jiru irratti Rabbiin ragaa godhutu jira

    Verse 205

    Yeroo gara gales, ishee keessatti badii raawwachuuf, sanyiifi horii balleessuuf dachii keessa fiigaRabbiin badii hin jaalatu

    Verse 206

    Yeroo "Rabbiin sodaadhu" isaan jedhames, of tuulummaan badiitti isa kakaasaGa’aan Isaa jahannamiAfanni (jahannam ta’uun) waa fokkate

    Verse 207

    Nama irraas nama jaalala Rabbii barbaachaaf lubbuu ofii gurgurutu jiraRabbiinis gabroota akkaan mararfataadha

    Verse 208

    Yaa warra amantan! Islaamummaa keessa guutuu guutuutti seenaa; tarkaanfilee shayxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni (shayxaanni) isiniif diina ifa bahaadha

    Verse 209

    Erga ragaawwan ifa ta’an isiniif dhufanii booda (daandii Islaamaa irraa) yoo mucucaattan, Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uu beekaa

    Verse 210

    Sila Rabbiifi malaa’ikoonni, gaaddisa duumessa irraa ta’e keessaan isaanitti dhufuufi murteen raawwatamuu malee waan biraa eeguu? Wantoonni hunduu gamuma Rabbii deebifamti

    Verse 211

    Mallattoolee ifa ta’an meeqaatama akka isaaniif kennine Ilmaan Israa’iil gaafadhuNamni erga isatti dhufee booda ni’imaa Rabbii jijjiire (adaba cimaatu isa mudata)Dhugumatti Rabbiin irra cimaa adabaati

    Verse 212

    Isaan kafaraniif jireenyi addunyaa miidhagfameera; warra amananittis ni qoosuWarri Rabbiin sodaatan immoo Guyyaa Qiyaamaa isaanii ol ta’uRabbiinis nama fedheef (tola Isaa irraa) lakkoofsa malee soorata kenna

    Verse 213

    Namoonni amantii tokkicha irra turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee ergeIsaan waliinis kitaaba akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf dhugaan buuseWarra inni kennameef qofatu erga ragaawwan ifa ta’an isaaniif dhufanii booda wal jibbaa gidduu isaanii jiru irraa kan ka’e wal dhabeRabbiin fedha Isaatiin warra amanan gara dhugaa waan isaan irratti wal dhabanii qajeelcheRabbiin nama fedhe gara karaa sirraawaa qajeelcha

    Verse 214

    Sila odoo (mokkoroon) fakkaataa warra isin dura dabranii isinitti hin dhufin jannata seenuu yaadduu? Rakkinniifi dhukkubni hamtuun isaan tuqxee, hanga ergamaaniifi warri isa waliin amanan "sila tumsi Rabbii yoom (dhufa)?" jedhan tokkotti shororkeeffamanEeyyeen! Dhugumatti, tumsi Rabbii dhihoodha

    Verse 215

    (Yaa Muhammad!) maal akka sadaqatan si gaafatu“Qabeenya irraa wanti kennattan abbaa haadha, firoota, yatiimota, hiyyeeyyiifi kara deemaaf ta’uu qabaToltuu irraa waan isin hojjattan dhugumatti Rabbiin akkaan isa beekaadha” jedhi

    Verse 216

    Odoma inni isin biratti jibbamaa ta’uu lolli dirqama isin irratti godhameOdoo inni isiniif gaarii ta'uu waan tokko jibbuun keessan mirkanaa’eOdoo inni isiniif hamtuu ta’uu waan tokko jaalachuun keessanis mirkanaa’eRabbumatu beeka; isin hin beektanu

    Verse 217

    Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatuJedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadhaKaraa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, namoota Masjidal Haraam irraa dhorguuniifi jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadhaShirkiitu ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadhaYoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deemanNamni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirtiAmmas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha

    Verse 218

    Dhugumatti, warri amananiifi warri godaananii, karaa Rabbii keessattis qabsaa’an, isaan sun rahmata Rabbii ni kajeeluRabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha

    Verse 219

    Dhugaatii macheessaniifi qumaara irraa si gaafatuJedhi: "Dilii guddaafi faayidaawwantu namootaaf isaan keessa jiraDiliin isaan lamaanii faayidaa isaan lamaanii irra guddaadha." Ammas maal akka arjoomanu si gaafatu“Isa dhimma keessan irraa hafe” jedhiinAkka xiinxaltaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif ibsa

    Verse 220

    Duuniyaafi Aakhiraa keessatti (haa xiinxaltaniifi)Waa’ee yatiimotaa irraas si gaafatu“Isaaniif tolchuutu caalaadha” jedhiYoo isaanitti makamtanis isaan obboleeyyan keessaniRabbiinis nama balleessu isa tolchu irraa adda baasee beekaRabbiin odoo fedhee, isin rakkisuu danda’aDhugumatti, Rabbiin akkaan injifataa, ogeessa

    Verse 221

    Hanga isaan amananutti (dubartoota) mushrikaa hin fuudhinaaOdoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabrittii mu’uminaatu mushrika caaltiYoo amanan malee dhiira mushrikootaattis hin heerumsiisinaaOdoma (inni) isin gammachiiseeyyuu gabricha mu’uminaatu mushrika irra caalaWarri sun gara ibiddaatti waamu; Rabbiin immoo heyyama isaatiin gara jannataafi araaramaatti waamaHaa xiinxalaniif jecha aayatoota isaa namootaaf ibsa

    Verse 222

    Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu “Inni (iddoon isaa) faalamaadha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa” jedhiHanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaaYeroo isaan qulqulleeffatan, gara Rabbiin isin ajajeen isaan bira dhaqaaDhugumatti, Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata

    Verse 223

    Niitiiwwan keessan isiniif oyruudhaOyruu keessan kallattii feetaniin itti dhaqaaLubbuu keessaniif gaarii dabarfadhaaRabbiinis sodaadhaa; Isa qunnamuu keessanis beekaaMu’uminootas gammachiisi

    Verse 224

    Akka toltuu hin hojjanne, Rabbiin hin sodaanneefi gidduu namootaatti araara hin buufne Rabbiin kakachuu keessan sababaa hin taasifatinaaRabbiinis dhagayaa, beekaadha

    Verse 225

    Rabbiin kakuu keessan keessatti isa itti hin yaadaminiif isin hin qabuGaruu waan onneen hojjataniif isin qabaRabbiinis araaramaa, obsaadha

    Verse 226

    Warra haadha manaa isaanii irraa kakataniif ji’oota afur eeguutu isaan irra jiraYoo deebi’an dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, rahmata godhaadha

    Verse 227

    Yoo hiikkaa irratti muratan, dhugumatti Rabbiin dhagayaa, beekaadha

    Verse 228

    Dubartoonni hiikaman xurii laguu sadi ofii isaaniitiif eeguu qabuYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanan ta’an waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaala mitiYeroo san keessatti yoo tolchuu fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhirsota isaaniitiIsaaniifis (mirga) fakkaataa akka (dirqama) isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jiraDhiironni isaan irra sadarkaa qabuRabbiinis hunda injifataa, ogeessa

    Verse 229

    Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama.[] Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudhaIsin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamuYoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin of baafte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiruKun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaa Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha

    Verse 230

    Yoo (hiikkaa sadaffaa) ishee hiike, sana booda hanga dhirsa biraatti heerumtutti isaaf hin heyyamamtuYoo inni (dhirsi boodaa) ishee hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii beeknaan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiruKun daangawwan Rabbiiti; ummata beekaniif ishee ibsa

    Verse 231

    Yeroo dubartoota hiiktanii beellamni isaaniis ga’e; bifa gaariin isaan qabadhaa yookiin bifa gaariin isaan gaggeessaaRakkisuudhaan akka daangaa isaanitti dabartaniif isaan hin qabatinaaNamni sana hojjate, dhugumatti lubbuu ofii miidheeraKeeyyattoota Rabbiis qishinaa hin taasifatinaaNi’imaa Rabbii kan isin irra jirtuufi kitaaba (Qur’aana)fi hikmaa (Sunnaa) irraas waan Inni isin irratti buuse kan ittiin isin gorsu yaadadhaaRabbiin sodaadhaasAkka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa

    Verse 232

    Yeroo dubartoota hiiktanii beellama isaanii guuttatan, yoo isaan lamaan waan gaarii irratti walii galan dhirsoota isaanii (kan jalqabaatti) heerumuu irraa isaan hin dhorginaaSana isin irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanutu ittiin gorfamaSun isiniif irra gaariifi irra qulqulluudhaRabbitu beekaa; isin hin beektanu

    Verse 233

    Nama yeroo hoosisaa guutuu fedheef haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisuSoorataafi uffata isaanii (haadholeef) akka dandeettii isaatiin kennuun nama ilmi isaaf dhalate (abbaa) irra jiraLubbuun tokkos dandeettii isheetii ol hin dirqisiifamtuHaati sababaa ilma isheetiin hin rakkifamtu; namni ilmi isaaf dhalates (abbaanis) sababaa ilma isaatiin (hin rakkifamu)Nama (abbaa) dhaalu irras fakkaataa sanaatu jiraYoo isaan lamaan fedha isaaniitiifi wal mariin guusisuu fedhan, badiin isaan irra hin jiruYoo ilmaan keessaniif hoosiftuu gootanii hoosisuu feetanis, yoo waan kennitan akkaataa gaariin kennitan, badiin isin irra hin jiruRabbiin sodaadhaa, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’uu beekaa

    Verse 234

    Isin irraas isaan du’anii niitii of duubatti dhiisan, isaan (niitiiwwan kun) ji’oota afuriifi guyyaa kudhan turuu qabuYeroo beellama isaanii guuttatan, waan isaan karaa gaariin (heerumuuf) of qopheessan keessa badiin isin irra hin jiruRabbiin waan isin hojjattan beekaadha

    Verse 235

    Waan dubartoota (dhirsi irraa du’e iddaan isaanii xumuramuu dura) mallattoon isaan dubbatachuu mul’iftan yookiin (waan) onnee keessan keessatti dhoksitan keessatti badiin isin irra hin jiruAkka isin isaan dubbatuuf jirtan Rabbiin beekeeraGaruu yoo jecha beekamaa jechuu ta’e malee, iccitiidhaan waadaa waliif hin seeninaaHanga beellamni daangaa ga’utti nikaah hidhuu hin murteessinaaRabbiin waan lubbuu keessan keessa jiru beekaa ta'uus beekaa; Isa sodaadhaaRabbiin araaramaa, obsaa ta’us beekaa

    Verse 236

    Dubartoota odoo isaan hin tuqin yookiin mahrii isaaniis isaaniif hin murteessin yoo hiiktan badiin isin irra hin jiru; kennaa itti fayyadaman isaaniif kennaaNamni qabu akkaatuma dandeettii isaatiin, kan hin qabnes akkaatuma dandeettii isaatiin bifa gaariin kennaa isaan itti fayyadamanu (kennuu qaba)Kuni warra toltuu hojjatan irratti dirqama

    Verse 237

    Odoo mahrii isaaniif murteessitanii jirtanuu isaan tuquun dura yoo isaan hiiktan, walakkaa waan murteessitaniitu (isheef jira), garuu yoo isaan (duubartoonni) dhiisan yookiin inni hidhaan nikaa harka isaa jiru (dhirsi) dhiise (walakkaan dirqamaa miti)Isin dhiisuutu sodaa (Rabbiitti) irra dhiyoodhaTola giddu keessanii hin irraanfatinaa; Rabbiin waan isin hojjattan argaadha

    Verse 238

    Salaatowwan irratti, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti tikfadhaaHaala Rabbiif ajajamoo taataniinis dhaabbadhaa

    Verse 239

    Yoo (diina) sodaattanis, miilaan deemaa yookiin yaabbatoo ta'aa sagadaaYoo (lola keessaa) gara nagaa baatan, Rabbiin, akkuma waan (san dura) isin hin beekne Inni isin barsiisetti yaadadhaa

    Verse 240

    Isin irraa isaan du’anii, niitiiwwan of duubatti dhiisan, niitiiwwan isaaniitiif (qabeenya dhiisanii du’an irraa) waan odoo mana isaanii irraa hin baafamne hanga waggaa tokkoo isaan itti fayyadaman isaaniif haa dhaamanYoo isaan (niitiiwwan fedha isaanitiin) bahan, waan shari’aa keessatti beekamaa irraa isaan ofii isaaniitii hojjataniif badiin isin irra hin jiruRabbiinis injifataa, ogeessa

    Verse 241

    Dubartoota hiikamaniifis wanti isaan ittiin fayyadaman haala sababa qabeessa ta’een kennamuufii qaba(Kun) warraRabbiin sodaatan irratti haqa

    Verse 242

    Akka isin xiinxaltaniif akkanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa

    Verse 243

    Sila warra manneen isaanii irraa du’a sodaatanii kumaatama ta’anii ba’anii (qalbiin) hin ilaallee? Rabbiin “du’aa!” isaaniin jedhee, sana booda isaan jiraachiseDhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)tiGaruu irra hedduun namaa hin galateeffatan

    Verse 244

    Karaa Rabbii keessatti lolaaRabbiin dhagayaa, beekaa ta’uus beekaa

    Verse 245

    Namni liqii gaarii Rabbiif liqeessee Inni dachaa baay’ee isaaf baay’isu eenyuma! Rabbiin nama fedhe (rizqii) irraa qabata; kan fedhe immoo itti baldhisaIsinis gara Isaatti deebifamtu

    Verse 246

    Sila gara qondaaltota Ilmaan Israa’iil irraa ta’an kan booda Muusaa, yeroo isaan nabiyyii isaaniitiin "hogganaa nuuf godhi karaa Rabbii keessatti lollaa" jedhan hin ilaallee? [Inni] "Sila yoo lolli isin irratti murteeffame loluu dhabuu keessan hin sodaattamuu?" jedhe"Odoo manneeniifi ilmaan keenya irraa baafamnee jirruu maaltu nuuf jiraayyi karaa Rabbii keessatti hin lolle?" jedhanYeroma lolli isaan irratti murteeffamus namoota muraasa isaan irraa ta’an malee irraa gara galanRabbiin miidhaa raawwattoota ni beeka

    Verse 247

    Nabiyyiin isaaniis isaaniin jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin Xaaluutiin mootii godhee isiniif ramadeera." [Isaan] "Sila odoo nuti mootummaaf isarra abboomnuu, inni qabeenya ga’aas argatee hin beekne akkamiin nurratti mootummaan isaaf ta’a?" jedhanNi jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin isin irra isa filatee beekumsaafi qaama keessattis bal'ina isaaf dabaleRabbiin mootummaa Isaa nama fedheef kennaRabbiin (arjummaan isaa) bal’aa, beekaadha

    Verse 248

    Nabbiyyiin isaaniis isaaniin ni jedhe: "Dhugumatti, mallattoon mootummaa isaa sanduuqni malaa’ikoonni isa baadhatan kan isa keessa tasgabbiin Gooftaa keessan biraa ta’eefi hanbaan waan maatiin Muusaafi Haaruun dhiisan irraa ta’e isa keessa jiru isinitti dhufuudhaDhugumatti, yoo mu’uminoota taataniif, kana keessa mallattootu isiniif jira

    Verse 249

    Xaaluutis yeroma waraana (isaa) qabatee ba’u ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin laga wahiitiin isin mokkoraadhaNama harka isaatiin hammaarrii tokkittii hammaarrate malee namni isa irraa dhuge anarraayii mitiNamni isa hin dhandhamin immoo anarraayyiMuraasa isaan irraa ta'e malee isa irraa dhuganiYeroma inniifi warri isaa wajjin amanan isa qaxxaamuran, (warri dhugan) ni jedhan: "Har'a Jaaluutiifi waraana isaa irratti dandeettiin nuuf hin jiru." Warri Rabbiin wal qunnamoo ta'uu isaanii dhugoomsan ni jedhan: "Garee muraasa heddutu hayyama Rabbiitiin garee baay’ee injifate." Rabbiinis warra obsan wajjin jira

    Verse 250

    Yeroma Jaaluutiifi waraana isaatiif dirreetti bahan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Obsa nurratti dhangalaasiFaana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi

    Verse 251

    Hayyama Rabbiitiin isaan injifataniDaawuudis Jaaluutiin ajjeesee Rabbiin mootummaafi ogummaa isaaf kennee waan fedhe irraas isa barsiiseOdoo nama garii gariin deebisuun Rabbii jiraachuu baatee, silaa dachiin baddeGaruu Rabbiin aalama hunda irratti abbaa tola guddaati

    Verse 252

    Kun keeyyattoota RabbiitiDhugaadhaan ishee sirratti dubbifnaAtis dhugumatti ergamtoota irraayyi

    Verse 253

    Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifneIsaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jiraGarii isaaniis sadarkaa heddu ol kaaseIisaa ilma Maryamiifis ragaawwan ifa ta’an kenninee jirraRuuhii qulqulluunis (Jibriiliiniis) isa jajjabeessineOdoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turanGaruu isaan wal dhabaniIsaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jiraOdoo Rabbiin fedhee, wal hin lolanGaruu Rabbiin waan fedhe hojjata

    Verse 254

    Yaa warra amantan! Odoo guyyaan bittaa gurgurtaan, jaalalleefi manguddummaan isa keessa hin jirre hin dhufin dura waan Nuti isiniif kennine irraa kennadhaaKaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota

    Verse 255

    Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadhaMugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatuWanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiInni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beekaBeekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanuKursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisuInnis ol ta’aa, guddaadha

    Verse 256

    Amantii keessa dirqisiisuun hin jiruDhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta'eeraNamni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateeraRabbiin dhagayaa, beekaadha

    Verse 257

    Rabbiin gargaaraa warra amananiitiDukkana heddu irraa gara ifaatti isaan baasaWarri kafaran gargaartonni isaanii xaaghuuta; Ifa irraas gara dukkana hedduutti isaan baasuIsaan sun warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha

    Verse 258

    Sila gara isa Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan (waa’ee) Gooftaa isaa keessatti Ibraahiimiin mormee hin ilaallee? Yeroo Ibraahiim "Gooftaan kiyya Isa jiraachisuufi ajjeesu" jedhu "Anis nan jiraachisa; nan ajjeesas" jedheIbraahiim "Dhugumatti, Rabbiin aduu Baha irraa fida; ati immoo Dhiha irraa fidi" jedheAchumaan inni kafare dhama'eRabbiin miidhaa hojjattoota hin qajeelchu

    Verse 259

    Yookiin gara namicha haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun ganda irra dhufee "akkamumatti Rabbiin erga du’a isheetii ishee kana jiraachisa!" jedhee (hin ilaallee?) Rabbiiniis waggaa dhibba isa ajjeesee ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen"Guyyaa tokko, yookiingarii guyyaan ture" jedhe(Rabbiiniis) ni jedhe: "Ati waggaa dhibba turteMee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne! Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone)Akkamitti akka walitti qabnuufi ergasii foonis itti uffifnu gara lafees ilaali." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe

    Verse 260

    Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi" jedhes [yaadadhaa](Rabbiiniis) "Sila hin amannee?" jedhe(Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe"Simbira irraa afur gara keetti fuudhii isaan kukkutiSana booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra kaayiErgasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki

    Verse 261

    Fakkeenyi warra qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii sootalloo (mataa) torba baasee sootalloo hunda keessa firiin dhibbi jiruutiRabbiin nama fedheef dachaa taasisaRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha

    Verse 262

    Warri qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti kennatanii, ergasii waan arjooman dhaaddannaafi rakkisuu hin hordofsiisin, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii bira jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus

    Verse 263

    Jecha gaariifi dhiifamatu sadaqaa rakkisuun isa hordofu irra caalaRabbiinis dureessa, obsaadha

    Verse 264

    Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan akka isa qabeenya isaa namoonni isaaf haa arganiif arjoomuu fi, Rabbiifi guyyaa Aakhiraattis hin amannetti dhaaddannaafi (nama) rakkisuudhaan hin balleessinaaFakkeenyi isaa akka fakkeenya dhagaa diriiraa biyyeen isa irra jiruu kan bokkaan cimaan isa tuqee (biyyee irraa dhiquun) duwwaa isa hanbiseetiIsaan waan horatan irraa homaa irratti dandeettii hin qabanRabbiinis ummata kaafirootaa hin qajeelchu

    Verse 265

    Fakkeenyi warra qabeenya isaanii jaalala Rabbii barbaaduufi lubbuu isaanii raggaasisuuf arjoomanii, akka fakkeenya ashaakiltii lafa ol fuudhamaa irra jiruu bokkaan cimaan itti roobee oomisha ishee dachaan kennitee yoo bokkaan guddaan ishee hin argatinis tiifuun (of geessuuti)Rabbiin waan isin dalagdan argaadha

    Verse 266

    Sila tokkoon keessan ashaakiltiin Nakhliifi Inaba irraa ta’e, kan laggeen jala ishee yaatu, kan isa keessa fuduraaleen hundi isaaf jiru, odoo ilmaan dadhabduu qabuu kan dullumni isa qabde, bubbeen ibidda qabu ishee tuqee gubatte isaaf ta'uu ni jaalataa? Akka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa

    Verse 267

    Yaa warra amantan! gaggaarii waan carraaqqattaniifi waan Nuti dachii irraa isiniif baafne irraa kennadhaa(Odoo isiniif kennamee) Isa keessatti ija dunuunfattanii malee kan hin fudhanne taatanii, isa irraa kennachuudhaan Waan fokkataa hin yaadinaaRabbiin dhugumatti dureessa, faarfamaa ta’uu beekaa

    Verse 268

    Shayxaanni hiyyummaan isin sodaachisa, wantoota fokkataattis isin ajajaRabbiin garuu araaramaafi tola Isa biraa ta’e waadaa isiniif galaRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha

    Verse 269

    Inni hikmaa[] nama fedheef kennaNamni hikmaa kenname, dhugumatti toltuun baay’een isaaf kennameeraWarra sammuu qaban malee eenyullee hin gorfamu

    Verse 270

    Kenna irraa waan isin kennattan yookiin qodhaa (nazrii) irraa waan nazartanis, Rabbiin isa beekaMiidhaa hojjattootaafis tumsitoonni hin jiranu

    Verse 271

    Sadaqaa yoo mul’iftanii (kennattan) isheen waa tolte; yoo ishee dhoksitanii hiyyeeyyiif kennitanis isatu isiniif caalaHamtuuwwan keessanis isin irraa harcaasaRabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha

    Verse 272

    Qajeelchuun isaanii (dirqama) sirratti hin taaneGaruu Rabbiin nama fedhe ni qajeelchaQabeenya irraas wanti isin kennattan lubbuma keessaniifiFuula Rabbii barbaachaaf malee hin kennattanuQabeenya irraa wanti isin kennattan haala isin kan hin miidhamne taataniin guutamee isiniif deebifama

    Verse 273

    (Sadaqaan) hiyyeeyyii warra dachii keessa deemuu hin dandeenye, kan kadhaa irraa of qabuu isaanii irraa wallaalaan dureeyyii isaan se’u, mallattoolee isaaniitiin kan isaan beektu, namoota kan hin kadhanne, ifachiisuus (kan hin ifachiifne) ta’anii karaa Rabbii keessatti hidhamaniif (kennamti)Qabeenya irraa waan isin kennattan dhugumatti Rabbiin isa beeka

    Verse 274

    Warra qabeenya isaanii halkaniifi guyyaa, dhoksaafi ifatti mul’isanii arjooman, isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaanis hin gaddanu

    Verse 275

    Warri dhala nyaatan (Guyyaa Qiyaama) akka isa shayxaanni maraatummaa irraa isa kukuffisu dhaabbatuutti malee hin dhaabbatanuKunis waan isaan "bittaa gurgurtaan akkuma dhalaati" jedhaniifiRabbiin immoo bittaa gurgurtaa hayyamee dhala dhorgeNamni gorsi Gooftaa isaa irraa itti dhufee (dhala nyaachuu irraa) dhorgame, wanti (dhorgaan dura) darbe kanuma isaatiDhimmi isaas (waan dhufu keessatti) gara RabbiitiNamni (itti) deebi’e immoo isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha

    Verse 276

    Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haqa; sadaqaawwan immoo ni guddisaRabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawaa hunda hin jaalatu

    Verse 277

    Dhugumatti, isaan amananii gaggaariis hojjatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaas kennan, warri sun mindaan isaanii gooftaa isaanii bira isaaniif jiraSodaanis isaan irra hin jiru; isaanis hin gaddanu

    Verse 278

    Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa

    Verse 279

    Yoo (kana) hin godhin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa)Hin miitanus; hin miidhamtanus

    Verse 280

    Yoo rakkataan argameef hanga argatutti eeggachuutu (isin irra jira)(Isaanitti) saddaqachuutu irra isiniif caalaYoo kan beektan taataniif (sadaqadhaa)

    Verse 281

    Guyyaa isa keessa gara Rabbii deebitan, ergasii lubbuun hundi kan hin miidhamne taatee waan hojjatteen galata galfamtu sodaadhaa

    Verse 282

    Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii wahii yoo walii liqeessitan isa barrreessaaBarreessaan wahiis gidduu keessanitti haqaan haa barreessuBarreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didinHaa barreessu; Inni liqiin isa irra jirus haa dubbisuAllaah gooftaa isaa ta’es haa sodaatuIsa irraas homaa hin hir’isinYoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haa dubbisuRagaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaaYoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaaRagoonnis yeroo waamaman hin didinXiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaaKanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodhaGaruu yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiruYeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaaNamni barreessuufi kan ragaa bahus miidhamuu hin qabuYoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessaniRabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisaRabbiin waan hunda beekaadha

    Verse 283

    Yoo imala irra jiraattanii barreessaa hin argatin, qabdii qabamtuu taatetu(bakka bu’a)Yoo gariin keessan garii amane immoo, inni amaname amaanaa isaa haa dhaqqabsiisu; Rabbii Gooftaa isaa ta’es haa sodaatuRagaas hin dhoksinaaNamni ishee dhokse, dhugumatti inni onneen isaa dilaawaadhaRabbiinis waan isin hojjattan beekaadha

    Verse 284

    Wantoonni samiifi dachii keessa jiran kan RabbiitiWaan lubbuu keessan keessa jiru yoo ifatti mul’iftan yookiin yoo isa dhoksitanis Rabbiin ittiin isin qorata; nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaRabbiinis waan hunda irratti danda’aadha

    Verse 285

    Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnisHundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru.[] "Nuti ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu" (jedhan)"Nuti dhageenye; ajajamnesGooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna)Deebiinis garuma keeti" jedhan

    Verse 286

    Rabbiin lubbuu tokkos dandeettii isheetiin ala hin dirqisiisu(Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wamti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a)"Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabinGooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisinGooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisinIrras nuuf dabri; nuuf araaramisRahmatas nuuf godhiAti gargaaraa keenyaUmmata kaafirootaa irrattis nuuf tumsi