Back to Languages
Oromo - Chapter 20
Translation by Ghali Apapur Apaghuna
Verse 1
Xaa haa
Verse 2
(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne
Verse 3
Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee
Verse 4
Isa dachiifi samii ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha
Verse 5
Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera
Verse 6
Wanti samii, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati
Verse 7
Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka
Verse 8
Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMaqoonni babbareedoon kan Isaa (qofa)
Verse 9
Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa
Verse 10
Yeroo Ibidda argu maatii isaatin “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isinii fida yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa” jedhe
Verse 11
Yeroma gara ishee dhufu “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee
Verse 12
“Dhugumatti, Ani Gooftaa keeti; kophee kee baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa
Verse 13
Ani si filadheeraa waan buufamu dhageeffadhu
Verse 14
Dhugumatti, Ani Allaahdha; Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru! Ana gabbariYaadannoo kiyyaaf salaatas seeraan salaati
Verse 15
Dhugumatti, Qiyaamaan dhufaa jirtii akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha (of irraa) ishee dhoksuuttin dhihaadha
Verse 16
Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa gara si hin galchin! (Yoo isa hordofte) ni badda.”
Verse 17
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
Verse 18
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee kiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee kiyyaafis isheenin (baala mukaa) harcaasaIshee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira.”
Verse 19
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
Verse 20
Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigu taate
Verse 21
(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatinis; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa
Verse 22
Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansiMallattoo biraa ta’uun dhibee (tokko) malee adii taatee baati.”
Verse 23
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa akka si agarsiifnuuf
Verse 24
Gara Fir’awnaa deemiDhugumatti, inni daangaa dabree jira.”
Verse 25
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi
Verse 26
(Hojii) kiyyaas naaf laaffisi
Verse 27
Hidhaas (Cabaqas) arraba kiyya irraa hiiki
Verse 28
Jecha kiyya haa hubatanii
Verse 29
Maatii kiyya irraas gargaaraa naaf godhi
Verse 30
Haaruunuma obboleessa kiyya
Verse 31
Isaan irree kiyya cimsi
Verse 32
Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi
Verse 33
Akka baay’ee si faarsinuuf
Verse 34
Akka baay’inaanis si yaadannuuf
Verse 35
Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
Verse 36
(Rabbiinis) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta
Verse 37
Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre
Verse 38
Yeroo waan beeksifamu gara harmee keetii (wahyii) buufne
Verse 39
Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhataJaalala Ana biraa ta’es si irratti darbeera; tika kiyya irratti akka guddattuuf
Verse 40
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin kee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu]Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha gara haadha keetiitti si deebifneLubbuus ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree mokkora cimaas si mokkorree jirraErgasii waggaa baay’ee warra Madyan keessa turtee jirtaSana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa
Verse 41
Anis ofiif si filadheera
Verse 42
Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa
Verse 43
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira
Verse 44
Akka gorfamuuf yookiin akka sodaachuu sodaatuuf jecha, jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa.”
Verse 45
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti adabbii cimaa nu irratti raawwata; yookiin (nurrattis) daangaa darbuu sodaanna.”
Verse 46
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaaDhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas
Verse 47
Isin lachanuu isa bira dhaqaa: ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabinis; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa kee biraa sitti dhufneNageenyis nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti’ jedhaanii
Verse 48
“Dhugumatti, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti ta’uun gara keenyatti wahyiin godhameera.”
Verse 49
(Fir’awn): “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe
Verse 50
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha.”
Verse 51
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?”
Verse 52
(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jiraGooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus.”
Verse 53
(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse saniIsaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne
Verse 54
(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaaDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattotu jira
Verse 55
Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna
Verse 56
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides
Verse 57
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii keenya irraa sihrii keetiin nu baasuuf dhuftee
Verse 58
Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufnaKanaaf gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama nutiifi atis irraa hin hafne iddoo giddu galeessa ta’etti godhi.”
Verse 59
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree dura walitti qabamuudha.”
Verse 60
Ergasii Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee sana booda dhufe
Verse 61
Muusaan isaaniin “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessaDhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira” jedhe
Verse 62
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan
Verse 63
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun warra falfalaati (sihriitii), falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasanii karaa (shari’a) keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu fedhu
Verse 64
Kanaafuu tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaaDhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera
Verse 65
Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin
Verse 66
(Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedheBattalumatti haadni isaaniifi uleen isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu itti fakkeeffama
Verse 67
Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame
Verse 68
“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu mooha” jenneen
Verse 69
“Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsitiWanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuutiNamni falfala hojjatu bakkuma dhufettuu hin milkaa’u.”
Verse 70
Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan
Verse 71
(Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedhaDhugumatti, harkaafi miila keessan wal dhabsiiseen kukkutaAmmas jirma muka timiraa irrattin isin fannisaIsinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
Verse 72
Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin filannuKanaafuu waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa
Verse 73
“Akka Inni dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, dhugumatti, nuti Gooftaa keenyatti amannee jirraRabbitu caalaafi hafaadha
Verse 74
Dhugumatti, namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus
Verse 75
Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira
Verse 76
Jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatuKun immoo mindaa nama qulqulleeffateeti
Verse 77
Dhugumatti, gara Muusaa “Gabroota kiyya qabadhuu halkaniin deemi! Isaaniifis galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu isaa) hin sodaattu” jechuun wahyii goonee jirra
Verse 78
Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge
Verse 79
Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine
Verse 80
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra
Verse 81
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa; (yoo dabartan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’aNamni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade
Verse 82
Dhugumatti, nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef inni akkaan araaramaadha
Verse 83
“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen)
Verse 84
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiruYaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
Verse 85
(Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee bakka ati hin jirretti mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
Verse 86
Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
Verse 87
[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigneGaruu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbineAkkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
Verse 88
Sana booda qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan
Verse 89
Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii
Verse 90
Dhugumatti, sana duras Haaruun “Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidhaGooftaan keessan immoo Rahmaani; ana hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa” isaaniin jedhee ture
Verse 91
[Isaan] “Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu” jedhan
Verse 92
(Muusaanis) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge
Verse 93
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
Verse 94
(Haaruunis) “Yaa ilma harmee kiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya hin qabinDhugumatti, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe” jedhe
Verse 95
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
Verse 96
(Saamiriyyiinis) “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbeLubbuun kiyyas gocha kana naaf miidhagsite” jedhe
Verse 97
(Muusaanis) ni jedhe: “DeemiDhugumatti, jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas dhugumatti, siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jiraGara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaaliNuti dhugumatti, isa gubna; sana booda (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
Verse 98
Dhugaan gabbaramaan keesan Allaah Isa Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofaInni waan hunda beekumsaan wal ga’eera
Verse 99
Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessinaNuti dhugumatti, of biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra
Verse 100
Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata
Verse 101
Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraataGuyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate
Verse 102
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu)Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna
Verse 103
Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu
Verse 104
Nuti yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu waan isaan jedhan akkaan beekna
Verse 105
Gaarreen irraas si gaafatuAtis “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin
Verse 106
“Lafa wal qixxaa’aa biqilaa hin qabne taasisee ishee dhiisa
Verse 107
Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
Verse 108
Guyyaa san lallabaa hordofu; asiifi achi irraa dabuun isaaniif hin jiraatuSagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jettiShokoksaa malee homaa hin dhageessu
Verse 109
Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee
Verse 110
Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beekaIsaan immoo beekumsaan isa hin marsine
Verse 111
Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jetteDhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e
Verse 112
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, (hamtuu irratti) dabaluus ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu
Verse 113
Akkanatti dubbifamaa Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessattis akeekkachiisa irraa akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf addeessine
Verse 114
Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eeraOdoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin“(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi
Verse 115
Dhugumatti, sana duras Aadamitti beeksisa goonee, dagatee tureNuti kutannoo isaaf hin argine
Verse 116
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jennes [yaadadhu]Ibliisa malee yoosuu sujuuda bu’anInni ni dide
Verse 117
Ergasii ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiitiKanaafuu jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta
Verse 118
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira
Verse 119
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
Verse 120
Ergasii sheyxaanni gara isaatti hasaasee: “Yaa Aadam! Gara muka yeroo hundaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” jedheen
Verse 121
Yoosuu isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalanAadamis ajaja Gooftaa isaa didee dogoggore
Verse 122
Sana booda Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche
Verse 123
(Rabbiin) ni jedhe: “Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus
Verse 124
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
Verse 125
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha
Verse 126
(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatteAtis hardha akkuma sanitti dagatamta.”
Verse 127
Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kenninaadabbii Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha
Verse 128
Sila dhaloota isaaniin duraa irraa (heddu) kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran meeqaatama balleessuun keenya isaaniif adda hin baanee? Dhugumatti, kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira
Verse 129
Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture
Verse 130
Waan isaan jedhan irratti obsiGooftaa keetis baha biiftuu duraafi lixa ishee dura faaruun Isa qulqulleessiYeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi(Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi
Verse 131
Ija kee lamaanis gara waan Nuti gareewwan adda addaa isaan (kaafiroota) irraa ta’an akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha ittiin qanansiifne kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee hin diriirsinKennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha
Verse 132
Maatii keetis salaatatti ajaji; ishee irrattis obsiNuti soorata si hin gaafannuNutu si sooraBooddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi
Verse 133
Ni jedhanis: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoo wahiitin nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee
Verse 134
Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
Verse 135
(Yaa Muhammad!): “Hunduu eegaadhaIsinis eegaaNamni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu” jedhi