Back to Languages

    Oromo - Chapter 20

    Translation by Ghali Apapur Apaghuna

    Verse 1

    Xaa haa

    Verse 2

    (Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne

    Verse 3

    Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee

    Verse 4

    Isa dachiifi samii ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha

    Verse 5

    Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera

    Verse 6

    Wanti samii, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati

    Verse 7

    Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka

    Verse 8

    Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMaqoonni babbareedoon kan Isaa (qofa)

    Verse 9

    Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa

    Verse 10

    Yeroo Ibidda argu maatii isaatin “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isinii fida yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa” jedhe

    Verse 11

    Yeroma gara ishee dhufu “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee

    Verse 12

    “Dhugumatti, Ani Gooftaa keeti; kophee kee baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa

    Verse 13

    Ani si filadheeraa waan buufamu dhageeffadhu

    Verse 14

    Dhugumatti, Ani Allaahdha; Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru! Ana gabbariYaadannoo kiyyaaf salaatas seeraan salaati

    Verse 15

    Dhugumatti, Qiyaamaan dhufaa jirtii akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha (of irraa) ishee dhoksuuttin dhihaadha

    Verse 16

    Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa gara si hin galchin! (Yoo isa hordofte) ni badda.”

    Verse 17

    Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”

    Verse 18

    (Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee kiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee kiyyaafis isheenin (baala mukaa) harcaasaIshee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira.”

    Verse 19

    (Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”

    Verse 20

    Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigu taate

    Verse 21

    (Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatinis; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa

    Verse 22

    Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansiMallattoo biraa ta’uun dhibee (tokko) malee adii taatee baati.”

    Verse 23

    Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa akka si agarsiifnuuf

    Verse 24

    Gara Fir’awnaa deemiDhugumatti, inni daangaa dabree jira.”

    Verse 25

    (Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi

    Verse 26

    (Hojii) kiyyaas naaf laaffisi

    Verse 27

    Hidhaas (Cabaqas) arraba kiyya irraa hiiki

    Verse 28

    Jecha kiyya haa hubatanii

    Verse 29

    Maatii kiyya irraas gargaaraa naaf godhi

    Verse 30

    Haaruunuma obboleessa kiyya

    Verse 31

    Isaan irree kiyya cimsi

    Verse 32

    Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi

    Verse 33

    Akka baay’ee si faarsinuuf

    Verse 34

    Akka baay’inaanis si yaadannuuf

    Verse 35

    Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”

    Verse 36

    (Rabbiinis) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta

    Verse 37

    Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre

    Verse 38

    Yeroo waan beeksifamu gara harmee keetii (wahyii) buufne

    Verse 39

    Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhataJaalala Ana biraa ta’es si irratti darbeera; tika kiyya irratti akka guddattuuf

    Verse 40

    (Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin kee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu]Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha gara haadha keetiitti si deebifneLubbuus ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree mokkora cimaas si mokkorree jirraErgasii waggaa baay’ee warra Madyan keessa turtee jirtaSana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa

    Verse 41

    Anis ofiif si filadheera

    Verse 42

    Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa

    Verse 43

    Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira

    Verse 44

    Akka gorfamuuf yookiin akka sodaachuu sodaatuuf jecha, jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa.”

    Verse 45

    Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti adabbii cimaa nu irratti raawwata; yookiin (nurrattis) daangaa darbuu sodaanna.”

    Verse 46

    (Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaaDhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas

    Verse 47

    Isin lachanuu isa bira dhaqaa: ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabinis; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa kee biraa sitti dhufneNageenyis nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti’ jedhaanii

    Verse 48

    “Dhugumatti, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti ta’uun gara keenyatti wahyiin godhameera.”

    Verse 49

    (Fir’awn): “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe

    Verse 50

    (Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha.”

    Verse 51

    (Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?”

    Verse 52

    (Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jiraGooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus.”

    Verse 53

    (Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse saniIsaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne

    Verse 54

    (Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaaDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattotu jira

    Verse 55

    Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna

    Verse 56

    Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides

    Verse 57

    (Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii keenya irraa sihrii keetiin nu baasuuf dhuftee

    Verse 58

    Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufnaKanaaf gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama nutiifi atis irraa hin hafne iddoo giddu galeessa ta’etti godhi.”

    Verse 59

    (Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree dura walitti qabamuudha.”

    Verse 60

    Ergasii Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee sana booda dhufe

    Verse 61

    Muusaan isaaniin “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessaDhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira” jedhe

    Verse 62

    Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan

    Verse 63

    Ni jedhan: “Jarri lamaan kun warra falfalaati (sihriitii), falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasanii karaa (shari’a) keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu fedhu

    Verse 64

    Kanaafuu tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaaDhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera

    Verse 65

    Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin

    Verse 66

    (Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedheBattalumatti haadni isaaniifi uleen isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu itti fakkeeffama

    Verse 67

    Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame

    Verse 68

    “Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu mooha” jenneen

    Verse 69

    “Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsitiWanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuutiNamni falfala hojjatu bakkuma dhufettuu hin milkaa’u.”

    Verse 70

    Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan

    Verse 71

    (Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedhaDhugumatti, harkaafi miila keessan wal dhabsiiseen kukkutaAmmas jirma muka timiraa irrattin isin fannisaIsinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”

    Verse 72

    Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin filannuKanaafuu waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa

    Verse 73

    “Akka Inni dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, dhugumatti, nuti Gooftaa keenyatti amannee jirraRabbitu caalaafi hafaadha

    Verse 74

    Dhugumatti, namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus

    Verse 75

    Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira

    Verse 76

    Jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatuKun immoo mindaa nama qulqulleeffateeti

    Verse 77

    Dhugumatti, gara Muusaa “Gabroota kiyya qabadhuu halkaniin deemi! Isaaniifis galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu isaa) hin sodaattu” jechuun wahyii goonee jirra

    Verse 78

    Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge

    Verse 79

    Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine

    Verse 80

    Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra

    Verse 81

    Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa; (yoo dabartan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’aNamni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade

    Verse 82

    Dhugumatti, nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef inni akkaan araaramaadha

    Verse 83

    “Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen)

    Verse 84

    (Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiruYaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”

    Verse 85

    (Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee bakka ati hin jirretti mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”

    Verse 86

    Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”

    Verse 87

    [Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigneGaruu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbineAkkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”

    Verse 88

    Sana booda qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan

    Verse 89

    Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii

    Verse 90

    Dhugumatti, sana duras Haaruun “Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidhaGooftaan keessan immoo Rahmaani; ana hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa” isaaniin jedhee ture

    Verse 91

    [Isaan] “Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu” jedhan

    Verse 92

    (Muusaanis) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge

    Verse 93

    Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”

    Verse 94

    (Haaruunis) “Yaa ilma harmee kiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya hin qabinDhugumatti, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe” jedhe

    Verse 95

    (Muusaanis) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”

    Verse 96

    (Saamiriyyiinis) “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbeLubbuun kiyyas gocha kana naaf miidhagsite” jedhe

    Verse 97

    (Muusaanis) ni jedhe: “DeemiDhugumatti, jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas dhugumatti, siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jiraGara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaaliNuti dhugumatti, isa gubna; sana booda (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”

    Verse 98

    Dhugaan gabbaramaan keesan Allaah Isa Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofaInni waan hunda beekumsaan wal ga’eera

    Verse 99

    Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessinaNuti dhugumatti, of biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra

    Verse 100

    Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata

    Verse 101

    Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraataGuyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate

    Verse 102

    Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu)Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna

    Verse 103

    Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu

    Verse 104

    Nuti yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu waan isaan jedhan akkaan beekna

    Verse 105

    Gaarreen irraas si gaafatuAtis “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin

    Verse 106

    “Lafa wal qixxaa’aa biqilaa hin qabne taasisee ishee dhiisa

    Verse 107

    Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”

    Verse 108

    Guyyaa san lallabaa hordofu; asiifi achi irraa dabuun isaaniif hin jiraatuSagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jettiShokoksaa malee homaa hin dhageessu

    Verse 109

    Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee

    Verse 110

    Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beekaIsaan immoo beekumsaan isa hin marsine

    Verse 111

    Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jetteDhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e

    Verse 112

    Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, (hamtuu irratti) dabaluus ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu

    Verse 113

    Akkanatti dubbifamaa Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessattis akeekkachiisa irraa akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf addeessine

    Verse 114

    Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eeraOdoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin“(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi

    Verse 115

    Dhugumatti, sana duras Aadamitti beeksisa goonee, dagatee tureNuti kutannoo isaaf hin argine

    Verse 116

    Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jennes [yaadadhu]Ibliisa malee yoosuu sujuuda bu’anInni ni dide

    Verse 117

    Ergasii ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiitiKanaafuu jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta

    Verse 118

    Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira

    Verse 119

    Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”

    Verse 120

    Ergasii sheyxaanni gara isaatti hasaasee: “Yaa Aadam! Gara muka yeroo hundaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” jedheen

    Verse 121

    Yoosuu isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalanAadamis ajaja Gooftaa isaa didee dogoggore

    Verse 122

    Sana booda Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche

    Verse 123

    (Rabbiin) ni jedhe: “Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus

    Verse 124

    Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”

    Verse 125

    “Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha

    Verse 126

    (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatteAtis hardha akkuma sanitti dagatamta.”

    Verse 127

    Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kenninaadabbii Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha

    Verse 128

    Sila dhaloota isaaniin duraa irraa (heddu) kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran meeqaatama balleessuun keenya isaaniif adda hin baanee? Dhugumatti, kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira

    Verse 129

    Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture

    Verse 130

    Waan isaan jedhan irratti obsiGooftaa keetis baha biiftuu duraafi lixa ishee dura faaruun Isa qulqulleessiYeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi(Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi

    Verse 131

    Ija kee lamaanis gara waan Nuti gareewwan adda addaa isaan (kaafiroota) irraa ta’an akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha ittiin qanansiifne kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee hin diriirsinKennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha

    Verse 132

    Maatii keetis salaatatti ajaji; ishee irrattis obsiNuti soorata si hin gaafannuNutu si sooraBooddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi

    Verse 133

    Ni jedhanis: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoo wahiitin nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee

    Verse 134

    Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”

    Verse 135

    (Yaa Muhammad!): “Hunduu eegaadhaIsinis eegaaNamni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu” jedhi