Back to Languages
Oromo - Chapter 27
Translation by Ghali Apapur Apaghuna
Verse 1
Xaa SiinKun keeyyattoota Qur’aanaafi kitaaba ibsaa ta’eeti
Verse 2
Mu’uminootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha
Verse 3
(Isaan) warra Salaata dhaaban, zakaa kennaniifi isaan Aakhiraatti amananiidha
Verse 4
Dhugumatti, isaan Aakhiraatti hin amanin, [gadhee] dalagaa isaanii isaaniif miidhagsineIsaanis ni dhama’u
Verse 5
Isaan sun warra [addunyaa keessatti] adabbiin hamaan isaaniif jiruudhaIsaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oodha
Verse 6
Dhugumatti, ati Qur'aana [Rabbii] ogeessa, beekaa ta’e irraa qunnamta
Verse 7
Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; [deemeetin] ishee irraa odeeffannoo [waa’ee karaa] isiniif fidaYookiin immoo akka isin ho’ifattaniif xombooraa qabsiifamaa wahii isiniif fida” jedhe [yaadadhu]
Verse 8
Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’es qulqullaahe
Verse 9
Yaa Muusaa! Dubbiin Ani Allaah injifataa, ogeessa ta’eedha
Verse 10
Ulee kee darbi.” [Ni darbes] yeroma akka bofaatti kan isheen sochootu argu of duuba deebi’ee dheesseDuuba hin ilaalles“Yaa Muusaa! hin sodaatin; dhugumatti ani ergamtoonni na biratti hin sodaatanu
Verse 11
Garuu Namni miidhaa dalagee ergasii hamtuu boodaan toltuu bakka buuse dhugumatti Ani [isaaf] araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 12
Harka kee bobaa kee keessa seensisi; isheen fokkachuudhaan maleetti adii taatee baatiMallattoowwan saglaniin gara Fir’awniifi ummata isaa (deemi)Dhugumatti isaan ummata finciltoota ta’anii jiru.”
Verse 13
Yeroma mallattoowwan keenya ifa taatee isaanitti dhuftu “kun Sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan
Verse 14
Odoo lubbuun isaanii mirkaneessituu, miidhaafi boonaaf jecha ishee morman; booddeen badii raawwattootaa akkam akka ture ilaali
Verse 15
Dhugumatti, Nuti Daawuudiifi Suleeymaaniif beekumsa kennineerraIsaan lamaanis “faaruun hundi kan Rabbii Isa gabroota Isaa mu’uminootaa baay’ee irra nu caalchiseeti” jedhan
Verse 16
Suleeymaan Daawuudiin ni dhaaleNi jedhes: “Yaa namootaa! Qooqa simbiraa barsiifamneerraWanti hundi nuuf kennamee jiraDhugumatti, kun tola ifa bahaadha.”
Verse 17
Suleeymaaniif waraanni isaa jinnoota, namootaafi allaattii irraa walitti qabame; isaanis walitti ittifamoodha
Verse 18
Yeroma holqa mixii (Dagandaa) irra dhufan, mixiin tokko “Yaa tuuta mixii! akka Suleeymaaniifi waraanni isaa odoo hin beekin isin hin caccabsineef manneen keessan seenaa” jette
Verse 19
Innis jecha ishee irraa kolfuun ni seeqateNi jedhes: “Yaa Gooftaa kiyya! Akkan ni’imaa kee ishee anaafi abbaa haadha kiyya qanansiifte galateeffadhuufi hojii gaarii ati jaalattu hojjadhu na barsiisiRahmata keetiinis gabroota kee gaggaarii keessa na seensisi.”
Verse 20
Simbirroos to’atee ni jedhe: “maaliifan aduddee (Hud-hud) hin argine? Moo sila isumatu fagaattota irraa ta’e
Verse 21
Dhugumatti, adabbii cimaan isa adabaYookiin isan gorra’aYookiin immoo ragaa ifaa ta’een natti haa dhufu.”
Verse 22
[Yeroo hanga] fagoo hin taane turee ni jedhe: “waan ati hin barin bareen jiraSaba’i irraas oduu dhugaa ta’een sitti dhufeera
Verse 23
Ani Dubartii isaan bulchitu kan Waan hunda kennamte, isheedhaafis sireen guddaan jirun arge
Verse 24
Isheefi ummata ishee kan Rabbii gaditti Aduuf sagadanin argeSheyxaann dalagaa isaanii isaaniif miidhagsee karaa [qajeelaa] irraa isaan deebiseIsaan hin qajeelanu
Verse 25
Akka isaan Rabbii waan dhokataa Samiifi Dachii ifatti baasuufi waan isin dhoksitaniifi mul’iftan beekuuf sujuuda hin goone [isaan dhorgee jira]
Verse 26
Allahn Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruInni Gooftaa arshii guddaati.”
Verse 27
[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugaa jetteefi warra sobdoota irraa taatee kee fuuldura ilaalla
Verse 28
Xalayaa kiyya kanaan deemii gara isaaniitti darbadhuSana booda isaan irraa gara galii waan isaan deebisan ilaali.”
Verse 29
[Mootittiinis] ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhugumatti, ani xalayaan kabajamaan natti darbameera
Verse 30
Dhugumatti, inni Suleymaan irraayyiInnis [qabiyyeen isaa] ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin’
Verse 31
Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”
Verse 32
Ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhimma kiyya irratti furmaata na akeekaa; Ani hangan isin hirmaattanitti dhimma kamillee murteessaa hin taane.”
Verse 33
[Qondaalonnis] “Nuti abbootii humnaafi abbootii lola cimaatiAjajni gara keetiMaal akka ajajju ilaali” jedhan
Verse 34
Ni jette: “Mootonni yeroo magaalaa tokko seenan ishee balleessuKabajamtoota ishees ni xiqqeessuIsaanis akkasuma dalagu
Verse 35
Dhugumatti ani kennaa wahii gara isaaniitti ergituudhaWaan ergamtoonni ittiin deebi’anus ilaaltuudha.”
Verse 36
Yeroma Suleymaanitti dhufu ni jedhe: “Sila isin qabeenyaan na gargaartuu? Wanti Rabbiin naaf kenne waan isiniif kenne ni caalaDhugumatti isin kennaa keessaniin gammaddu
Verse 37
Gara isaanii deebi’iNuti waraana isaan dura dhaabbachuu hin dandeenyeen isaanitti dhufnaIshee irraa xiqqaatoo ta’anii salphinaan isaan baafna.”
Verse 38
Ni jedhe: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufin eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida?”
Verse 39
Jabaan Jinnoota irraa ta’e tokko ni jedhe: “Ani odoo ati iddoo murtee keetii irraa hin ka'in duran isaan sitti dhufaDhugumatti, ani kana irratti akkaan cimaa amanamaadha.”
Verse 40
Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru tokko immoo ni jedhe: “Ani [libsattee] odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida.” [Suleymaan] yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyiAkka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf [kana godhe]Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiifNamni kafares [isuma irratti]Dhugumatti Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” [jedhe]
Verse 41
Ni jedhe: “siree ishee halluu isaa isheef jijjiiraa[Siree ishee beekuutti] ni qajeeltimoo warra hin qajeelle irraa taatii ilaalla.”
Verse 42
Yeroma isheen dhuftus sireen kee akka kanaa jedhameIsheenis “inni akkuma waan isaati” jette[Suleymaanis] “dura ishee beekumsa kennamnee Muslimtoota taaneerra” jedhe
Verse 43
Wanti isheen Rabbii gaditti gabbaraa turte [Islaama irraa] ishee deebiseDhugumatti, isheen ummata kaafirootaa irraa turte
Verse 44
“Gamoo seeni” isheedhaan jedhameYeroma isa argitu haroo isa seetee mogolee ishee lamaan irraa saaqxe[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee [bishaan keessaan mul’atuudha].” [Isheenis] “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu kiyya miidheeraSuleymaanii wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette
Verse 45
Dhugumatti, gara Samuudittis obboleessa isaanii Saalih “Allaah qofa gabbaraa” jechuun erginee jirra; Yerama san isaan garee lama ta’anii wal falman.”
Verse 46
[Saalihis] ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarfattu? Akka rahmanni isinii godhamuuf maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne?”
Verse 47
[Isaan] “Nuti siifi namoota si waliin jiraniin hooddane (milkii laallanne)” jedhan[Saalihis] “hooddannaan keessan Rabbiin biraGaruu isin ummata mokkoramoodha” jedhe
Verse 48
Magalattii keessa namoota sagal kan gaarii hin hojjanne lafa balleesantu ture
Verse 49
Ni jedhan: “Dhugumatti isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinee sana booda fira isaatiin ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota’ jechuuf Rabbiin waliif kakadhaa.”
Verse 50
Isaan tooftaa baasanNutis odoo isaan hin beekne tooftaa itti baasne
Verse 51
Booddeen tooftaa isaanii akkam akka ta’e ilaali! Dhugumatti, Nuti isaaniifi ummata isaanii guutumatti balleessine
Verse 52
Kun sababa isaan miidhaa hojjataniin ontuu haala taateen manneen isaaniitiDhugumatti, kana keessa namoota beekaniif mallattootu jira
Verse 53
Isaan amananii Rabbiin sodaataa turan bilisa baafne
Verse 54
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “sila odoo argitanii gocha fokkataa hojjattuu?” jedhe [yaadadhu]
Verse 55
“Sila isin fedhii qunnamtii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu? Dhugumatti isin ummata wallaaltota.”
Verse 56
Deebiin ummata isaas “Maatii Luux magaalaa keessan irraa baasaaDhugumatti, isaan namoota qulqulleeffatanii” jechuu malee hin taane
Verse 57
Isaafi maatii isaa ni baraarsineGaruu niitii isaa warra [adabbii keessatti] hafan irraa ta’uu ishee murteessine
Verse 58
Rooba [dhagaa] isaan irratti roobsineRoobni warra dinniinamanii fokkateera
Verse 59
[Yaa Muhammad] jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti; gabroota Isaa kan [Inni] filate irras nageenyi haa jiraatuSila Rabbi moo wantoota isaan [Isatti] dabalantu caala?”
Verse 60
Sila Inni samiifi dachii uumee, samii irraa bishaan isiniif buusee ergasii ashaakiltiiwwan miidhagoo ta’an isaan magarsine [akka isa homaa hin uumneetii]? Mukkeen ishee biqilchuun dandeettii keessanii mitiSila Allaah wajjin gooftaan biraa ni jiraa? Isaan ummata Rabbitti qixxeessaniidha
Verse 61
Sila Isa dachii tasgabbooftuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef gaarreen gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo [warra isaan isatti dabalantu caala]? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu
Verse 62
Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa owwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala?] Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha
Verse 63
Sila eenyutu dukkana dachiifi galaanaa keessatti isin qajeelcha; ammas eenyutu qilleensa rahmata Isaa dura gammachiisaa godhee erga? Sila Rabbii wajjiin gabbaramaan biraa ni jiraa? Allaahn waan isaan [Isatti] qindeessan irraa ol ta’e
Verse 64
Sila inni uumuu jalqabee ergasii isa deebisu eenyu? Ammas eenyutu dechiifi samii irraa soorata isiniif kenna? Sila gabbaramaan biraa Allaah wajjin ni jiraa? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa” jedhi
Verse 65
“Wanti samiifi dachii keessaa hunduu Rabbiin malee wanta fagoo (ghaybii) hin beekuYoom akka kaafamanis hin beekanu” jedhi
Verse 66
Sila beekumsa isaaniitu waa’ee Aakhiraatti dhaqqabee? Lakkisaa isaan ishee irraa shakkii keessa jiru; dhugumatti isaan ishee irraa jaamoodha
Verse 67
Isaan kafaran ni jedhan: “Sila yeroo [duunee] biyyee taane, nuufi abbootiin keenya dhugumatti ni kaafamnaa
Verse 68
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenya nuun duratti kana waadaa galamnee turreGaruu kunis ogbarruu warra durii malee hin taane” [jedhan]
Verse 69
“Dachii keessa deemaatii booddeen badii raawwattootaa akkam akka ta’e ilaalaa” jedhi
Verse 70
Isaan irratti hin gaddinTooftaa isaan baasanuufis dhiphina keessatti hin ta’in
Verse 71
“Yoo dhugaa dubbattoota taatan waadaan kun yoomi?” jedhu
Verse 72
“Gariin wanta isin ariifachiifattanii kan isinitti dhihaate ta’uun dhugaadha” jedhi
Verse 73
Dhugumatti, Rabbiin kee namoota irratti abbaa tola guddaatiGaruu irra hedduun isaanii hin galateeffatan
Verse 74
Dhugumatti, Rabbiin kee waan qomti isaanii dhoksiteefi waan isaan ifatti mul’isan ni beeka
Verse 75
Wanti fagoon samiifi dechii keessaa kamiyyuu, kitaaba ifa galaa keessa jiraatu malee hin hafu
Verse 76
Dhugumatti, Qur’aanni kun Ilmaan Israa’iil irratti irra hedduu waan isaan isa keessatti wal dhabanii isaaniif odeessa
Verse 77
Dhugumatti inni mu’uminootaaf qajeelfamaafi rahmata
Verse 78
Dhugumatti, Rabbiin kee murtii Isaatiin gidduu isaanitti murteessaInni injifataa, beekaadha
Verse 79
Allaah irratti hirkadhuDhugumatti, ati dhugaa ifa ta’e irra jirta
Verse 80
Dhugumatti, ati namoota du’an hin dhageessiftuNamoota gurri duudes yeroo isaan dugda sitti deebisuun garagalan hin dhageessiftu
Verse 81
Namoota jaamaa jallina isaanii irraa kan isaan qajeelchitu hin taaneNamoota Muslimtoota ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee kan dhageessiftu hin taane
Verse 82
Yeroo jechi (adabbiin) isaan irratti murtaa’e bineensa “namoonni keeyyattoota keenya kan hin dhugoomsine ta’aniiru” jettee isaanitti dubbattu dachii irraa isaaniif baafna
Verse 83
Guyyaa ummata hunda irraa garee warra keeyyattoota keenya sobsiisan irraa ta’an walitti qabnee isaan walitti ittifaman [yaadadhu]
Verse 84
Yeroma isaan dhufanu “sila isin odoo beekumsaan ishee hin marsin keeyyattoota kiyya sobsiiftanii? Moo maaluma hojjataa turtan?” jedhaan
Verse 85
Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argameKanaafuu isaan sababa hin dhiheeffatanu
Verse 86
Sila Akka nuti halkan yeroo isa keessa boqataniifi guyyaa immoo kan keessa arganii (hojjatan) isaaniif goone hin ilaallee? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira
Verse 87
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu wantoonni samii keessa jiranuufi dechii keessa jiran hunduu wantoota Rabbiin fedhe malee yeroo isaan rifatan [wanta ta’u yaadadhu]Hundumtuu salphatoo ta’anii gara Isaa (Rabbii) dhufan
Verse 88
Gaarreenis odoo isheen akka duumessaatti deemtuu kan dhaabbattu ta’uu ishee yaadaa argitaHojii Rabbii wanta hunda jabeessee [ilaali]Dhugumatti Inni waan isin hojjattan keessa beekaadha
Verse 89
Nama gaarii dalage mindaa gaarii sana caalutu isaaf jira; isaan guyyaa san rifannaa irraa nagaa bahoodha
Verse 90
Namni hamtuu dalage fuulli isaanii ibidda keessatti gonbifamtee “sila waan dalagaa turtan malee mindeeffamtuu?” [isaaniin jedhama]
Verse 91
Kan ani ajajame Gooftaa biyyattii kanaa kan ishee kabaje gabbaruu qofaWanti hunduu kan isaatiMuslimoota irraa ta’uuttis ajajameera
Verse 92
Qur’aana dubbisuuttis (ajajameera)Namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma isaatiifiNama jallates “Ani akeekkachiiftota irraayi malee kan biraa hin taane” jedhiin
Verse 93
“Faaruun hundi kan AllaahtiInnis fuulduratti mallattoolee Isaa isinitti agarsiisaIsinis ishee beekuuf jirtu” jedhiinRabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti