Back to Languages

    Oromo - Chapter 36

    Translation by Ghali Apapur Apaghuna

    Verse 1

    Yaa Siin

    Verse 2

    Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha

    Verse 3

    Dhugumatti, ati ergamtoota irraayyi

    Verse 4

    Karaa qajeelaa irra jirta

    Verse 5

    Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame)

    Verse 6

    Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan akka ittiin akeekkachiiftuuf (buufame)

    Verse 7

    Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; kanaafuu isaan hin amananu

    Verse 8

    Nuti morma isaanii irratti takaallaa goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi)Kanaafuu isaan (mataa) ol fudhamoodha

    Verse 9

    Dura isaaniitti cufaa, duuba isaanittis cufaa goonee isaan haguugneKanaafuu isaan hin argan

    Verse 10

    Isaan akeekkachiiftus, isaan akeekkachiisuu baattus isaan irratti wal qixa; hin amananu

    Verse 11

    Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofaAraaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi

    Verse 12

    Nuti numatu du’aa jiraachifnaWaan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessinaWaan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra

    Verse 13

    Isaaniif fakkeenya warra gandaa kan yeroo ergamtoonni isheetti dhufee godhi

    Verse 14

    Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif)

    Verse 15

    Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa mitiRabbiinis homa tokkoyyuu hin buufne; isinis kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan

    Verse 16

    (Ergamtoonnis) “nuti gara keessanitti ergamoo ta’uu Rabbiin keenya ni beeka” jedhan

    Verse 17

    “(Ergaa Rabbii) kan ifa ta’e geessuu malee homtuu nurra hin jiru.”

    Verse 18

    (Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumnaAdabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan

    Verse 19

    “Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhaniSila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii mitiIsinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan

    Verse 20

    Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa

    Verse 21

    Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa

    Verse 22

    Ani maaliifan Isa na uume, kan isiniis gara Isaa deebifamtanu hin gabbarre

    Verse 23

    Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadneefi isaaniis ana hin baraarsinen taasifadhaa

    Verse 24

    Ani yeroo san jallina ifa galaa keessa ta’eera

    Verse 25

    Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe](Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan)

    Verse 26

    “Jannata seeni” jedhameenInnis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa

    Verse 27

    Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”

    Verse 28

    Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin turre

    Verse 29

    Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taaneYeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha

    Verse 30

    Yaa gaabbii gabroota kiyyaa! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu

    Verse 31

    Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu (hin arginee)

    Verse 32

    Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) fuuldura keenyatti dhihaatu

    Verse 33

    Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee isa irraa nyaatan isaaniif mallattoodha

    Verse 34

    Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerraIshee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra

    Verse 35

    Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone)Sila hin galateeffatanuu

    Verse 36

    Inni waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuu isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa cimdii hunda uume qulqullaa’eera

    Verse 37

    Halkanis isaaniif mallattoodhaIsarraa guyyaa baafnaYeroma san isaan dukkana keessatti ta’u

    Verse 38

    Aduunis hanga daangaa murtaa’eetti deemtiSun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati

    Verse 39

    Baatiis hanga inni akka damee meexxiitti deebi’utti buufata isaa goonee jirra

    Verse 40

    Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursuHunduu sarara keessa deemu

    Verse 41

    Nuti sanyii isaanii doonii guutame keessatti fe’uun keenya isaaniif mallattoodha

    Verse 42

    Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif gooneerra

    Verse 43

    Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turreBirmataan tokkos isaaniif hin jiruIsaan hin baraarfamanus

    Verse 44

    Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre)

    Verse 45

    Yeroo “akka rahmanni isiniif godhamuuf waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa” isaanin jadhame (irraa gara galu)

    Verse 46

    Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan

    Verse 47

    Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu

    Verse 48

    Ni jedhu: “Yoo warra dhugaa dubbatu taatan waadaan kun yoomi?”

    Verse 49

    Iyyansa tokkittii kan haala isaan wal falmaa jiranuun isaan qabdu malee homaa hin eeganu

    Verse 50

    Yeroo san dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’anu

    Verse 51

    Garriin (xurunbaan) ni afuufama; yoosuu isaan awwaala keessaa gara Gooftaa isaanii bahu

    Verse 52

    “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan

    Verse 53

    Isheen afuuffii tokko malee waan biraatii mitiYeroo san isaan hundi nu bira fidaman

    Verse 54

    “Har’a lubbuun kamillee homaa hin miidhamtuWaan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” isaaniin jedhama

    Verse 55

    Dhugumatti, warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamu

    Verse 56

    Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisa keessa, sireewwan irratti hirkatu

    Verse 57

    Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jiraWanti isaan kadhatan hunduu isaaniif jira

    Verse 58

    Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama

    Verse 59

    “Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama)

    Verse 60

    “Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee

    Verse 61

    “Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)

    Verse 62

    Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseeraSila isin sammuu hin qabdanuu

    Verse 63

    “Isheen kun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha

    Verse 64

    Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani)

    Verse 65

    Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati

    Verse 66

    Odoo feenee ija isaanii haqna turreGama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu

    Verse 67

    Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turreIsaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu

    Verse 68

    Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina (cabsina)Sila hin yaadanuu

    Verse 69

    Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin maluInni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti

    Verse 70

    Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne)

    Verse 71

    Sila waan harki keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee

    Verse 72

    Ishee isaaniif laaffifneGariin yaabbii isaaniitiif oolu; garii isaanii immoo ni nyaatu

    Verse 73

    Isaaniif ishee keessa faayidaafi dhugaatiiwwantu jiraSila hin galateeffattanuu

    Verse 74

    Akka tumsamaniif jecha Rabbiin ala gabbaramtoota godhatan

    Verse 75

    Isaan tumsuu hin danda’anIsaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha

    Verse 76

    Jechi isaanii si hin yaaddessinNuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna

    Verse 77

    Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama

    Verse 78

    Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe

    Verse 79

    “Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhiInni uumama hunda beekaadha

    Verse 80

    (Inni) Isa muka magariisa irraa ibidda isiniif godheedhaYeroo san isin isa irraa qabsiifattu

    Verse 81

    Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha

    Verse 82

    Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” jechuma qofa; yoosuu taha

    Verse 83

    Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru qulqullaa’e! Garuma Isaatti deebifamtu