Back to Languages

    Oromo - Chapter 64

    Translation by Ghali Apapur Apaghuna

    Verse 1

    Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti danda'aadha

    Verse 2

    Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha

    Verse 3

    Samiifi dachii dhugaan uumeIsinis bocee boca keessan gaaromseDeebiinis garuma isaati

    Verse 4

    Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha

    Verse 5

    Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira

    Verse 6

    Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of ga'eRabbiin dureessa faarfamaadha

    Verse 7

    Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin

    Verse 8

    Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha

    Verse 9

    Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo ta'anii isa seensisaSun milkii guddaadha

    Verse 10

    Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo ta'anii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte

    Verse 11

    Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha

    Verse 12

    Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa

    Verse 13

    Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu

    Verse 14

    Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha

    Verse 15

    Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodhaRabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira

    Verse 16

    Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa ta'aNamni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha

    Verse 17

    Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha

    Verse 18

    (Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa

    Unexpected Application Error!

    Unexpected token '<', "<!DOCTYPE "... is not valid JSON

    SyntaxError: Unexpected token '<', "<!DOCTYPE "... is not valid JSON