Back to Languages
Oromo - Chapter 71
Translation by Ghali Apapur Apaghuna
Verse 1
Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra
Verse 2
(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha
Verse 3
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun
Verse 4
Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu)
Verse 5
(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame
Verse 6
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe
Verse 7
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan
Verse 8
Ergasii lallabeen isaan waame
Verse 9
Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase
Verse 10
‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhan’ jedhe
Verse 11
Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga
Verse 12
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabalaAshaakiltii isiniif godheeti laggeenis isiniif taasisa
Verse 13
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne
Verse 14
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera
Verse 15
Sila akka Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti uume hin arginee
Verse 16
Isaan keessattis ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise
Verse 17
Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche
Verse 18
Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa
Verse 19
Rabbiinis dachii afata isiniif godhe
Verse 20
Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif
Verse 21
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan
Verse 22
Tooftaa gurguddaa baasan
Verse 23
‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan
Verse 24
Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiruMiidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
Verse 25
Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne
Verse 26
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin
Verse 27
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan)
Verse 28
Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneef, mu'uminootaafi mu'umintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.”