Back to Languages

    Oromo - Chapter 73

    Translation by Ghali Apapur Apaghuna

    Verse 1

    Yaa mammarataa

    Verse 2

    Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu

    Verse 3

    Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi

    Verse 4

    Yookiin isa irratti dabaliQur'aanas suutaan dubbisi

    Verse 5

    Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra

    Verse 6

    Dhugumatti, ka'umsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha

    Verse 7

    Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira

    Verse 8

    Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi

    Verse 9

    (Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu

    Verse 10

    Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu

    Verse 11

    Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi

    Verse 12

    Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira

    Verse 13

    Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira)

    Verse 14

    Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu ta'u keessa (sakkaalamu)

    Verse 15

    Nuti akkuma gara Fir'awn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra

    Verse 16

    Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne

    Verse 17

    Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu

    Verse 18

    Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa ta'e

    Verse 19

    Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata

    Verse 20

    (Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argituRabbiin araarama kadhaa; dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha

    Unexpected Application Error!

    Unexpected token '<', "<!DOCTYPE "... is not valid JSON

    SyntaxError: Unexpected token '<', "<!DOCTYPE "... is not valid JSON