Back to Languages
Oromo - Chapter 77
Translation by Ghali Apapur Apaghuna
Verse 1
(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha
Verse 2
(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis
Verse 3
(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis
Verse 4
(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis
Verse 5
(Malaykota) ergaa buuftotattis
Verse 6
Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha)
Verse 7
Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha
Verse 8
Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte
Verse 9
Yeroo samiinis babbanamte
Verse 10
Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte
Verse 11
Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte
Verse 12
Guyyaa kamiif beellamaman
Verse 13
Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman)
Verse 14
Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise
Verse 15
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 16
Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee
Verse 17
Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna
Verse 18
Yakkamtootas akkanuma goona
Verse 19
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 20
Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee
Verse 21
Bakka mijaa'aa keessas isa goone
Verse 22
Hanga yeroo beekamaatti
Verse 23
Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole
Verse 24
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 25
Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee
Verse 26
Jiraafi du'aas (walitti qabdi)
Verse 27
Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan mi'aawaas isin obaafne
Verse 28
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 29
(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa
Verse 30
Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa
Verse 31
Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu
Verse 32
Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti
Verse 33
Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata
Verse 34
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 35
Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha
Verse 36
Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu
Verse 37
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 38
Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne
Verse 39
Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa
Verse 40
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 41
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu
Verse 42
Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u)
Verse 43
Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu)
Verse 44
Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina
Verse 45
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 46
(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama)
Verse 47
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 48
Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu
Verse 49
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e
Verse 50
Isaan ala haasawa kamitti amanu ree