Back to Languages
Oromo - Chapter 78
Translation by Ghali Apapur Apaghuna
Verse 1
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu
Verse 2
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu]
Verse 3
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi]
Verse 4
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
Verse 5
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
Verse 6
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee
Verse 7
Gaarreenis shikaala [hin goonee]
Verse 8
Cimdiis goonee isin uumne
Verse 9
Hirriba keessan boqonnaa goone
Verse 10
Halkan uffata goone
Verse 11
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone
Verse 12
Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre
Verse 13
Ifaa boba'aas uumne
Verse 14
Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne
Verse 15
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]
Verse 16
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes
Verse 17
Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e
Verse 18
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha
Verse 19
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha
Verse 20
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate
Verse 21
Dhugumatti jahannam waldaa taateetti
Verse 22
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti
Verse 23
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu
Verse 24
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu
Verse 25
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]
Verse 26
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]
Verse 27
Isaan qormaata hin sodaatanu turan
Verse 28
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan
Verse 29
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne
Verse 30
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama]
Verse 31
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira
Verse 32
Ashaakiltiifi inabatu [jira]
Verse 33
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru]
Verse 34
Geeba (xoofoo) guutamtuu
Verse 35
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu
Verse 36
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman]
Verse 37
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu
Verse 38
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu
Verse 39
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata
Verse 40
Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra